Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:11 - Kitaaba Woyyuu

11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e ragu'uuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

11 Afaan isaaniitiin'llee, «Yesus Kristos Goofta'a» jedhanii ragaa bayu'uun, Waaqa Abba'aaf ulfinna ni kennan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:11
30 Iomraidhean Croise  

Rabbi Gooftaa kiyyaan, «Diintota tee ejjata luka keetii jala haga sii godhutti mirga kiyya taa'i» jedheen.


Kanaaf banii biratti si galatoonfadha; maqaa keetiifillee hin faarsa.


Inni hennaa mooye baniin biyya Yihuuda'aa nagaya argata; baniin Israa'eliillee nagayaan jiraata; inni ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamee waamama.


Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa bayaaf.


Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.


Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan; akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef isaa ragaa hin baane.


Isin, ‹Barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettan; akkasuma waan ta'eef mishaa jettan.


Eeganaa ani Gooftaa fi barsiisaa yoo ta'u, luka keessan yoo dhiqe isinillee akkasuma luka wolii dhiqaa'a.


Ani gara Aabbaa waan deemuuf, Aabballee waan Ilmaatiin akka kabajjamu waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa hin godha.


Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ka na jaalatu yoo jiraate dubbii kiyya eega; Abbaan kiyyallee hin jaalataan gara isaallee hin dhufna, isa bira jiraanna.


Yesuus kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya! kunoo sa'aatiin gayeera.


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan; ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan wolii galaniiraniif.


Yesuus Kiristoosii Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.


«Eeganaa Yesuusii isin fanniftan kana Rabbi Goofta'aa fi Kiristoosiin akka taasise worri gosa Israa'elii maruu dhugamaan haa beekanii!» jedhe.


«Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiiffata; arrabni maruu Rabbiin galatoonfata» jedhamee waan barreeffameeruuf.


Sababa kanaaf Kiristoos Gooftaa worra du'aniitii fi worra jiraatanii ta'u'uuf du'ee deebi'ee ka'e.


Worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan, Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha.


Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee tokkollee, «Yesuus Goofta'a» jechuu akka hin dandeenne isin beessisa.


Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammeesso'oo ammo samii irraa dhufe.


Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e; nullee ka isaa ka taane Waaqa Waaqeffamaa Aabbaa tokkocha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkocha Yesuus Kiristoosiin qabna.


Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e ka amanee ragaa bayu maruu, Rabbi isa keessa jiraata. Innillee Rabbiin keessa jiraata.


Ayyaana Rabbii kanaan beettan. Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhalate amanu maruu Ayyaana Rabbiiti.


Dogoggorsitoonni baay'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aa fi ka Kiristoosiin mormu.


Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan