Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:9 - Kitaaba Woyyuu

9-11 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif; daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii qajeellotaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkumsaa fi hubannaa maraan akka ka duraa caalaa guddatee badhatu ani kana isinii kadhadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

9-11 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif, daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii, qajeellootaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkomsaa fi hubannaa maraan ka duraa caalaa guddatee akka badhatu ani kana isinii kadhadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

9 Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:9
19 Iomraidhean Croise  

Qulqulloonni garuu karaa dhuga'aa irraa hin goran namni harki isaa qulqulluu ta'e hunna eda'ata'aa deema.


Ajaja kee waan hedhadheef gorsa mishaa beekkumsa kee na barsiisi.


Karaan worra balcha'aa akka ifa haga guyyaa guutu'uu ifa'aa deemuu ka akka gagaarrinna ganamaati;


Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'imman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.


Haa ta'uu ammo waa maraanuu amanti'ii fi dubbi'iin, beekkumsaan, ciminna maraan, nuufillee jaalala keessaniin akkuma bu'aa qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a.


Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a.


Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhageenne irraa jalqabnee, akka fedha beekkumsa isaa, ogummaa Ayyaanaatii fi sammuu keessanii hubannaa akka kennu waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.


Fakkeenna ka isa uumee akka fakkaatu, beekkumsa argachu'uun ka haarawoomfame, namummaa haarawaa uffattaniirtan.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos woyyoota maraa woliin hennaa dhufu, afoo Waaqa Abbaa keennaa, woyyootaa fi worra mudaa hin qabne isin taasisee, onnee keessan akka dhaabu akkuma nullee isinii taane Goofta'aan waan wolii qabnu jaalala maraafuu ta'uun isinii haa guddisu, haa eda'ulle'e.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya! attamitti akka jiraattanii fi Rabbiinillee attamitti akka gammachiisuu dandeettan nu irraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baay'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna; isin gorsina.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa; amantiin keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galatoonfachuun keenna sirri'i.


Tokkummaa amantii keetii ka nu biraa qabdu waan mishaa maraa beeku'uun waan Yesuus Kiristoosiitiin akka daraaraa godhattu Rabbiin sii kadhadha.


Dhiyanni jabaan ammo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf, worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuulumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


badhaadhumma'aa fi beekkumsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan