Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:6 - Kitaaba Woyyuu

6 Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

6 Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

6 hujii mishaa kana jireenna keessan keessatti Waaqinni jala qabe, Yesus Kristos murti'iif deebi'ee guyyaa dhufutti gara muumme'eetiin akka isa gayu ni amana.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:6
33 Iomraidhean Croise  

Rabbi kaayoo na irraa qabu hin raawwata; Yaa Rabbi! jaalalti tee baraa haga bara baraati; yabo'oo hujii harka keetiititti hin cadhisin.


Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe.


Isaan hennaa kana dhagayan cadhisanii, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.


Dubartoota nu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin waaqeffattu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.


Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba.


Kanatti abdadhee, lammeessoo akka badhaadha argattan, firrisee gara keessan akka dhufu karoorfadheera.


Wonti akkasitti isinii barreesseef hennaa gara keessan dhufe worri na gammachiisuun isaan barbaachisu akka na hin gaddisiifneef jedhee gammachuun kiyya gammachuu isin maraati jedhee isin maraa waan hedadheef.


Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera.


Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin callaa uduu hin ta'in nu worri isin abdannellee hin saalfanna.


Waan adda ta'e horoma akka hin yaanne, ani Gooftaa waan keessaniif hedadheera; eennullee ka isin raasu yoo jiraate murtee ufii argata.


Nu marti keenna gara tokkummaa Ilma Rabbii amanu'uu fi beeku'uun argamuutiif gara nama guutuu ta'u'uu haga waan Kiristoosiitiin guuttamuu geennuuf tajaajila woyyootaa hojjatu'uuf qaama Kiristoosii ijaaru'uuf guutuu akka ta'an.


Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.


Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef.


Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.


Cuupha'aanillee isa woliin awwaalamtan; ka cuupha'aan akkasuma hujii Rabbiitiin worra du'e keessaa isa kaasetti waan amantaniif isa woliin kaataniirtan.


Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa, akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanti'ii jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa Rabbiin kadhanna.


Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.


Anillee akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekee ajajamuu keellee abdadhee kana sii barreessa. Kanaa achi Rabbi kadhaa keessan dhagayee,


Eeganaa abdii uggiitii keessanii ka gatii guddaa qabu hin gatatinaa'a!


Yesuusii mataa amantii keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Waandhi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa inninuu guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jajjabeessa.


Guyyaan Goofta'aa ammo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan