Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27 - Kitaaba Woyyuu

27 Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

27 Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

27 Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27
53 Iomraidhean Croise  

Inni, «Worri biyya Sooriya'aa na hucuucee na gargaari, anillee yoo worri Amoonii si hucuuce si gargaaraa;


Yerusaalem qachaa wolitti siixxee jabeeffamtee ijaaramte.


Obboleewwan tokkumma'aan yoo jiraatan, misha'a; akkam bareeda!


Rabbi waan isaanii murteessuuf; worra isaan saaman hin saama.


Akka isaan kaayoo tokko qabaatan godha; wonti kana godhuuf akka isaanii fi ijoollee isaanii maraa wonti mishaan ta'u, akka hennaa maraa na kabajjaniif.


Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gar gar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gar gar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi.


Guyyaa maraa garaa tokkoon, mana sagadaatitti, mana isaaniitittillee wol gayanii jabaatanii xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.


Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee Phaawuloosiin waamsisee waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu hennaa Phaawuloos dubbatu dhagaye.


Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban maruu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbatu.


Dubbii Nagayaatiin hin saalfadhu; dura worra Yihuudi'iitiif; akkasuma nama Giriikiitii fi worra amanu maraafuu hunni Rabbii fayyiinsaaf waan ta'eef.


Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.


Dubbiin Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo Rabbiin kadhadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.


Haa ta'uu ammo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanti'ii ka lallabnu.


sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa kennameen deebi'ee isin hubachiisu'uuf jedhee bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse.


Hennaa gara keessanillee dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka.


Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha.


Kanaaf obboleeyyan tiyya jaalatamtoota! dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, seexanni waaqa adunyaa tanaa ta'e qalbii worra hin amannee jaamse.


Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Dubbii Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan.


Akkana jechuun Dubbiin Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran.


Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Dubbii Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeeffamtaniirtan.


Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee,


Eeganaa ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.


Anillee ammo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera.


Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee ammumaa booya'aa isinitti hima.


Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.


Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkumsa Rabbiitiin guddata'aa,


Amma ammo Ximootewoos isin biraa gara keenna dhufee waan amantii keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya! attamitti akka jiraattanii fi Rabbiinillee attamitti akka gammachiisuu dandeettan nu irraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baay'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna; isin gorsina.


Amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanti'iitiin waan badaniiraniif.


Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantii kiyya eeggadheera; uf afo'otti badhaasaa fi qajeellummaan naaf qophaayeera.


Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.


Kadhaa kiyya keessatti si yaadata'aa hennaa maraa Rabbii kiyya hin galatoonfadha.


Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama.


Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree?


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan