Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:20 - Kitaaba Woyyuu

20 Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, waan tokkottillee hin saalfadhu. Haa ta'uu ammo yoo lubbu'uun jiraadhe yookaan yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

20 Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, Waan tokkottillee hin saalfadhu. Haata'uu ammoo lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

20 Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:20
41 Iomraidhean Croise  

Dubbii keetiin na irkisi jiraataa ta'aa; abdii dhabee akka hin saalfanne.


Ani akka hin saalfanne onneen tiyya seera keetiin guutuu haa taatu. Kaaf;


Waaqa kiyya! ani si abdadha; yabo'oo na hin saalfachiisin; diintonni tiyyallee akka natti uf hin janye.


Lubbuu tiyya! boqadhuu Rabbuma callaa eegi; abdiin kiyya isa biraa waan ta'eef.


Abdiin balchootaa gammachu'u; abdiin hammeeyyi'ii garuu duwwaa ta'ee hafa.


Boruuf abdii dhuga'aa qabaatta; abdiin keellee duwwaa hin ta'u.


Isin baniin Israa'elii fayyummaa bara baraa ka Rabbi isinii kennuun fayyitan; baraa haga bara baraa hin saalfattan, hin salphattan.


Rabbi Gooftaan waan na gargaaruuf ani hin salphanne; akka dhagaa qarsa'aatitti uf jabeesse; ani akka hin salphanne hin beeka.


Hin saalfattuu hin sodaatin; saalfachuu bara ijoollumma'aa hin irraanfatta; arraba maqaa haadha hiyyeessaatiin si arrabsan hin irraanfatta.


Du'a attamiitiin Rabbiin kabajju'uuf akka ta'u mudhisu'uuf kana jedhe. Kana haga jedheen maayessa, «Na faana koottu!» jedheen.


Haa ta'uu ammo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe innillee Dubbii Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na biratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Phaawuloos ammo deebisee, «Booya'aa qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu calla'aafii miti» jedhe.


Haga Rabbiin kadhataniin maayii huleen isaan itti wol gayanii turan sun hin socho'e; Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii dubbii Rabbii addaataa dubbatan.


Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu.


Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalalli Rabbii waan qalbii kenna keessa guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu.


Nafa keessan keessaa hulee tokkollee mi'a hammeennaa gootanii cubbu'uuf hin dhiyeessinaa'a, haa ta'uu ammo du'oota keessaa baatanii jireennaan akka jiraattan Rabbiif uf dhiyeessaa'a, nafa keessan maraa mi'a lolaa ka qajeellumma'aa taasisa'aatii Rabbiif dhiyeessaa'a.


Waan dadhabbii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan akka hammeenna raawwatu, battumma'aa fi hammeennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a.


Uumamni mudhatuu ijoollee Rabbii hawwi'iin waan eeggataniif.


«Kunoo! dhagaa gufachiisu, dhagaa qarsa'aa Tsiyooniin keessa kaaya, ka isatti amanu hin saalfatu» jedhamee akkuma barreeffame dhagaa gufachiisuun gufatan.


Boona Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii fi isiniin qabuun kakata'aa, obboleeyyan tiyya ani guyyaa guyyaan du'a.


Gati'iin waan bitamtaniirtaniif isin ufiifii miti. Kanaafuu nafa keessaniin Rabbiin kabajjaa'a.


Dubartiin hin heerumne yookaan durbii duudaan fooniinillee Ayyaanaan akka woyyoomaniif waan Goofta'aa yaadan. Ta heerumte ammo attamitti akka abbaa manaa ufii gammachiiftu waan adunyaa tanaa yaaddi.


Kanaafuu baallii Gooftaan nuu kenneef yoo guddaa uf jajellee itti hin saalfadhu. Baalliin kun isin ijaaru'uuf malee isin diigu'uufii miti.


Eeganaa yoo abdii akkanaa kana qabaanne, guddifne ibsinee dubbanna.


Jireenni Yesuusii akkasuma foon keenna irratti akka mudhatuuf hennaa maraa du'uu Yesuusii nafa keenna irratti baadhannee deddeemna.


Worri lubbu'uun jiranillee ka isaaniif du'ee du'aa ka'eef malee, duranaa akka ufiif hin jiraanne maraafuu du'e.


Isiniin boonuu kiyya isatti himee ture; isinillee na hin saalfachiifne; wonti isinitti hima'aa turre maruu akka dhugaa ta'e akkasuma dhaaduun waan keessan Tiito'otti hima'aa ture maruu akka dhugaa ta'e mirkanaayeera.


Waan keessaniif amantiin kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada.


Obboleeyyan Goofta'aan jiran irra caalaan isaanii waan hidhaa kiyyaatiif amanamanii ka duraa caalaa dubbii Rabbii sodaa malee himuu uggan.


Haa ta'uu ammo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.


Ani amma waan keessaniif jedhee rakkachuu kiyyaan hin gammada. Waan nafa isaa jechuun waan woldaa Kiristaanaatiif foon kiyyaan rakkachuu Kiristoosiitiin waan hanqate anillee hin guuta.


Waandhi nagayaa qaama keessan hundaa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Kiristaana ta'uu isaatiin yoo rakkoon isa irra gaye ammo Rabbiin haa galatoonfatuu malee hin saalfatin.


Ammallee ijoolle! akka hennaa inni dhufe amantii nuu ta'u akka hennaa dhufa isaa isa afo'otti hin saalfanne isa keessa jiraadhaa'a.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan