Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:17 - Kitaaba Woyyuu

17 Sunniin ammo hidhama kiyya irratti rakkoo waan na irratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akkanumaan waan Kiristoosii qaaqan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

17 Sunniin ammoo hidhama kiyya irratti rakkoo waan narratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akanumaan waan Kiristoosii qaaqan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

17 Sunniin garuu waayee Kristosii dabssanii ka lallaban qajeelummaan uduu hin ta'in, mataa isaanii jaalachuu fi hidhaana kiyya irratti rakkinna dabalataa ana irratti fidu'uuf yaadu'uun.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:17
16 Iomraidhean Croise  

Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbi'itti qabadhaa'a.


«Isin obboleewwanii fi abboonni! amma yoo yaada kiyya isinii ibsu na dhagayaa'a!»


Agriiphaan Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu si hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe.


Phaawuloos akkana jedhee waan ufii yoo deebisu Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee; guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aara!» jedheen.


Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi worra hammeenna duukaa deeman dheekkamsa Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya.


Eegasuu rakkoon maal irratti? wonti sirnyaa fayyaalumma'aan ta'ee'e, fakkeessu'uun karama kamiinillee haa ta'uu Kiristoos haa lallabamuu; Ani kanaan gammada.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu.


Anillee waan kanaaf amanti'ii fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame dhugaa dubbadha malee hin sobu.


Ani waan kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammo hin hidhamu.


Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu na irraa dheessan malee eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan