Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:12 - Kitaaba Woyyuu

12 Obboleeyyan tiyya! kun wonti na irra gayeef, dhugamaan Dubbii Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

12 Obboleeyyan tiyya! kun wonti narra gayeef, dhugamaan Oduu Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

12 Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:12
19 Iomraidhean Croise  

Ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti, guyyaa ajanyinii fi labsiin mootichaa raawwatamutti, guyyaa diintonni Ayihuudotaa isaan irratti mooyu'uuf ta'anitti Ayihuudonni diintota ufii akka mooyatan ta'ee dubbiin gara gale.


Yoma namaan loltee ulfinna keetiif ta'a; worra lola kee irraa hafellee hin obsita.


Rabbi worra uf jajan irratti waan akkanaa godhe waaqolee maraa akka caalu amma beeke» jedhe.


Kunillee raga'aaf isinii ta'a.


Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman.


Worra Rabbiin jaalataniif, worra akka fedha isaatiin waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.


Kana maraa keessatti ammo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.


Isin namoota Filiphisiyuusii! jalqaba Dubbiin Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.


Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan kuuwwanillee waan Dubbii Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.


Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada.


Ani waan kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammo hin hidhamu.


Haa ta'uu ammo hujiin lallaba Dubbii Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudota hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan