3 Duuba jecha AABBO Waaqa gula worri Israeli gosa Lawiti, lafa worri d'aalaa argatte keesa dirafi lafa horiini worraa tikhatu kenneefi.
Dallansuuni worraa guddo hamtu, miri worraa diqa, naasule inqabani. Waaqi ha worra abaaru. Anini gosa Yakobo keesa worra gargari qoode, lafa Israeli keesa gargari firfirsa.
ka kamu lafa horini d'eedu qabu, ka ch'ufti wolti afurtami saddeeti, kennaafi.
Artiti Shilo lafa Kanaani keesati waan jetteeni, AABBO Waaqi Musani waan jed'e worra kana dirafi lafa d'aatu ta horiini worra tikhatule kennifi jed'e, jette.
Worra balbala Kohathi, ka gosa Lawi dira kana kennanifi. Ilmaani qaallicha Haruni dira kud'ani sadi lafa Yudatifi Simeonifi Benjamini keesa kennanifi.
Lafa worri Israeli argatte keesa dira afurtami saddeetitifi lafa d'aatu ta hori iti tissanille gosa Lawiti kennani.