3 Achi keesa gumi nama fayya d'abeefi ballafi naafafi ka kokotaeti ch'iisa. [Aka bisaani woch'ani eegani,
Hayyichi Yeroboamu jed'ani kaani dubbi tana d'agaye jennaani raaga kaaniti quba qabe waan jed'e, Namicha kana qaba! Jennaani hojuma suni hayyicha harki kokotae gach'absachu dad'abe.
Nami ch'aqasu, ka hojja ch'ufa mana kiyya dura eje balbala keesati na eegu, gammada argata.
tanaafi yo obsani baafama isaa eegatani ira namaa jirti.
Gaargala isaati, tissitu woma keesa injirre, ka hooliye tissu lafati lakise biraa deemu! Harka isaatiifi ila isaa mirgiti goraadeeni ha iraa kututi! Harki isaa ha rifate, ilti isaa mirgitileeni ha duuduti!
Nami hedduuni isati d'ufe, naafafi ballafi farrafi duudafi nama d'ukuba gosa heddu Yesotiini d'ufani, jennaani inni worra fayyise.
Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Inni waan ergattu Yohanatiini jed'e, D'aqa, waan argitaniifi waan d'ageetani Yohanati hima: ballaani lafa arga; naafi kae deema, nami qomaat'a qabu inqulqullaa, ka gurri duude ind'agaya; nama due inkaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.
Yerusalemu keesa, d'aatu Fullo Ree jed'ani, haro tokoti jira, ta daargula shani qabdu, ta afaani Ebraniatiini Bethzatha jed'ani.
waan maro gari malaikaani Aabbo haro suni keesa seente bisaani woch'isifitufi, nami fayya inqamne ka eegi bisaani woch'ani qara haro suni seene d'ukuba taatefu infaya.]
Ammo yo waan ingarre abdanne, obsaani eeganna.
Obsaa, oboleyaani tiyya, haga Aabbooni d'ufuuti. Aka abbaani oobru haga mid'aani isaa dansaani bahaniti eegatu, ilaala. Bokaya gannatiifi ka hagayale obse eegata.