42 waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.
Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.
AABBO Waaqi irre ufi qulqullooni gumi ufi baasa, duuba waan suni lafti ch'ufti inargati.
Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.
Ifsa ka gosa d'ibileti ifsu, ammalle ka guddinna gosa tante Israeliti kennu.
Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.
Yesoni d'umnaani, aka Lazaroni haga guyya afuri awaala keesa bule d'agaye.
Anini dubbi atini naa kennite yayu worraa kenne, worrileeni yayu fud'ate; aka anini gara keti bahe worri ya aka isiini d'uga beekhe, ammalle aka atini na ergite yayu d'ugefate.
Koota, nama waan anini duri tolche ch'ufa nati hime ilaala. Kunini Kristo taha? jette gaafate.
Worra suni male, nami hedduuni, maro dubbi isaatiifi isa d'ugefate,
D'aloota nama kana keesa, Waaqi ya Qarqaarsa Israeli, ka duri kakhate, tolche, ka Yeso jed'ani.
Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.
Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.
D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne.
Maro waan kanatifi aka jaba hojanna, waan nu abdi teenna Waaqa jiru ka nama ch'ufa baasu, keesuma worra d'ugefatu, gubba keyanneefi.
Maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani, keenna ch'allaaniti ammo ka nama lafa ch'ufale.
Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.
Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.