Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Yohana 3:21 - KITAABA WAAQA

21 Ammo nami waan d'uga tolchu ifsati baha, aka akasiini maro inni Waaqa saalfateefi hujiini isaa mullatu.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Yohana 3:21
31 Iomraidhean Croise  

Dubbini tante ifse tiyya, isiini kara naa ifsite naani deemti.


Seera kanke aka dansaa na guuchisiisi aka anini inch'eerfanne.


Ee AABBO Waaqa, nami nagaya namaa kennu sii, wonti nu tolchinu ch'ufti, waan atini tolchite iraa baati.


Waan isani jettaniini, waan AABBO Waaqi isaniini jed'u ch'aqasa, Worra ekhera yaamatu inch'aqasina — wonti worri isaniini jed'u woma isaani imbaatu.


Worri Israeli amma tana waaqoota d'ara maani iraa qaba? Anini kad'acha worraa d'agayeefi worra qorqorad'e, aka mukha doti worra gaadiseesa. Hormaati worraa ch'ufti naraa d'ufa.


Yesoni Nathanieli gara isaa d'ufu arginaani, waan isaa dubbate waan jed'e, Me ilaala, nama Israeli ka d'ugaafi, d'arti tokoleeni isa keesa injirre.


Nami waan hamtu tolchu ch'ufti ifsa jibba, yokhaani ifsati ind'ufu, aka hujiini isaa imullanne.


Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!


Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.


Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.


Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.


Yo inni waan nafi isaa fed'u ch'alla oobrate, duisa murata. Yo inni waan Lubbuuni feetu ch'alla oobrate, Lubbu suni ira jireenna hegeri argata.


Ifsati mid'aani dansoomatiifi ka d'ugatiifi ka qajeelumatiini d'ufa.


Jireenni keesani waan dadansa ka Yeso Kristoni fed'uuni guutama, aka maqa Waaqa guddisani faarsani.


Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.


Aka waan kana guutu anini gaargale hojad'e irre jabdu ta na keesa hojatu; ta Yeso Kristoni na kenneeni.


Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Eegi isani amma d'uga guuttani, suniini ufi qulqulleesitani, ammalle oboleyaani teesani aka dansa jaalattani, garaa keesani ch'ufaani aka dansa woli jaalad'a.


Yo nu Waaqaani wold'aqisa qamna jenne, ammo dukana keesa yaane, nu d'ara dubbanne d'ugaani nu keesa injirtu.


Jaala kiyya, waan hamtu gula indeemini, ammo waan dansa gula deemi. Nami waan dansa tolchu ch'ufti ka Waaqaati; ka waan hamtu tolchu Waaqa ingarre.


Anini waan atini tolchite imbeekha; aka atini inowinne yokhaani inqabanoomne imbeekha. Yo sila atini toko gula baate guddo fed'a.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan