10 Yesoni waan worraani jed'e, Qurt'umi reefu qabdani armaani koota.
Duuba mamani gammadani akanaani d'ugefachu dad'abani, tanaafi inni waan jed'eeni, waan nyaatani arma qabdu.
Duuba Simoni Petroni hobolo seene t'ururu qurt'umi gugurdo d'ibbaafi shantami sadi qabu mogati hirkise, ato qurt'umiini akasi heddu taatele t'ururaani inch'inne.
Yesoni d'ufe, qit'a fuud'e worraati kenne; qurt'umile akasuma kenne.
Lafa godduni baanani ibida ch'ile qabu, qurt'umi ibida ira kayanifi, qit'ale argani.
Jennaani Yesoni qit'a shanaani kaani guure, eebise, biyya teteetuti kenne, akasuma qurt'umile haga fed'ani worra kenne.
Gurba tokoti arma jira, ka qit'a garbu shanifi qurt'umi lama qabu. Ammo tunini maani baati nama hagana gahu kana?