Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Yohana 19:11 - KITAABA WAAQA

11 Yesoni waan jed'eeni, Sila jabeenna wo na tolchituuni inqabdu, yo Waaqi sii kenne male. Tanaafi nama harka kanketi na kenneeti ira daba qaba.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Yohana 19:11
37 Iomraidhean Croise  

Nami ch'ufti jara finna lafa harkaa qabu ch'aqasu malle; wonti akanatiifi fed'i Waaqa male nami wo fidu injiru, ammalle jara amma lafa fidu kanale Waaqati tolche.


Yohanani waan jed'eeni, Nami dandae woma inargatu, waan Waaqi kenne male.


Waaqi, fed'ifi beekhuma ufi gula, ya aka Yeso harka keesaniti kennani buufate; isani isa fanniftani, harka nama dabaatiini ijeeftani.


Tunini dubbi malaikaani qulqullooni kurfo d'ufte taani ch'ufti dubbate buufate. Tanaafi nami lafa keesa jiru ch'ufti ha beekhu, aka Waaqi guddaani nama nama fidu ch'ufa fide abba fed'u finna suni kennu — nama woma keesa injirrele ch'ufa.


Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele.


Jennaani worri waan isaani qabani barbaade, ammo nami tokoleeni harkaani isa intunne waan guyyaani isaa ingayiniifi.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Namaani gargari si baasani, bineensani wolti sigalchani, ganna torba akuma karaaba buuyo si nyaachisani fit'eesa keesa ala si bulchani. Duuba eegi suni atini ee jetta, aka Waaqi guddaani dandae lafafi nama ch'ufa fide, abba fed'u kennu.


Ilaalacha nutiini ind'ufiini, ammo waan hamtu nuraa d'owi.


Tanaafi nami aka waan dansa tolchuchuchu male ufi beekhu, ammo ka waan suni intolchine, ya daba tolche.


Waan ch'ufa isati uume, wonti ch'ufti maro isaatiifi jirti, ammalle isaani jirti. Guddinni gara Waaqa haga hegerile ha jiraatuuti! Amini.


Worri wold'aqe aka waan ch'ufa ka atini harka kanketiifi fed'i tantetiini qara buufatte tolchani.


Haada sibiilatiini hid'ani, isa fuud'ani, harka hayyu Pilatoti kennani.


Maro heddu anini Waaqa, irree tiyyafi jaalalti tiyyaaleeni ind'umatu jed'u d'agaye. Ee AABBO, siumati nama ch'ufa huji isaa gula woi muraafi.


Namichi harka nyaapa isaati Yeso kennu kaani waan gumiini jed'e, Nami anini d'ungad'u isa, qaba, armaa fuud'a, tissa.


Naamafi isa gargari baasani, qalbini isaa gargalte ta bineensa taate. Inni harre diidatiini woliini alati gale, aka karaaba buuyo nyaate, alati gale, fiit'eesi guyya ch'ufa isa jiise. Duuba eege inni aka Waaqi guddaani nama fide nama fed'u ch'ufa hayyu tolchu ee jed'e.


namaani gargari si baasani bineensani wolti si galchani, duuba ganna torba atini aka karaaba buuyo nyaatta. Duuba aka Waaqi guddaani lafafi namale ch'ufa fide finna isiile ch'ufa nama fed'u kennu hubata.


Tanaafi Yudani askartiifi hojattu Mana Waaqa ta qaalole gugurdofi Farisayooni ergite, ta ifse heddufi miha lolatiini yaatu, guure gara oobru suni d'aqe.


Yesoni waan worraani jed'e, Yo isani sila balla taatani, daba inqabdani; ammo ammatana isani, Nu lafa agarra ufiini jetteeni, tanaafi dabi keesani injira jed'e.


Guyya ch'ufa nu Mana Waaqa keesa woliini jirra, harkaani na intunne. Ammo hojjaani tuni teesani, ammalle ta jabeenna dukanaati.


Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.


Fed'i AABBO Waaqa ch'allati guyya ch'ufa guutama.


Jennaani qaallichi guddaani woya ufi tarsaase waan jed'e, Atini ya Waaqa arabsite, nu d'uga d'ibi imbarbaannu; armati ya dubbi isaa ta daba d'ageettani;


Anini afaani qabad'a, woma indubbad'u, wonti akanatiifi nami waan kana na tolche sii.


Irreefi humnaafi, guddinnaafi mid'aagumafi jabeenni keetuma. Wonti gubbafi lafa keesa jiraleeni ch'ufti keetuma, atini hayyu hayyu ch'ufa mohatu.


Qara gara Anasi geesani. Inni abba niiti Kayafa, ka ganna suni qaallicha gudda tahe.


Jennaani Pilatoni waan isaani jed'e, Na jalaa indubbattu atini aka anini jabeenna siini gad'iisufi ka siini hid'u qabu imbeetu?


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan