Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Yohana 1:4 - KITAABA WAAQA

4 Isa keesa jireenna jira, jireenni suni ifsa namaati.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Yohana 1:4
30 Iomraidhean Croise  

nama hamama, worra hori ufii abdate beese ufii ch'alla d'aada yau.


AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.


Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.


Ammo isani, worra maqa kiyya sodaatu, d'ugaani tiyya aka adu isaniti ifsite, kayyoni isii isani jireesiti. Duuba aka yabbiye d'oqoba keesaa banani buraat'ani.


Nami dukana keesa tau yayu ifsa gudda arge worra ardaafi gandidu duisa keesa tatau ifsaani yayu iti mullate jettu.


Ifsa ka gosa d'ibileti ifsu, ammalle ka guddinna gosa tante Israeliti kennu.


Yesoni waan jed'eeni, Ka kaasufi ka jiraachisu ana; nami na d'ugefatu, yo duele, injiraata.


Yesoni waan jed'eeni, Ifsaani haga diqa toko ch'alla isani woliini jira; ato ifsa qabdanu yaa, aka dukanti isani ind'aqamne. Nami dukana keesa deemu gara deemu imbeekhu.


Anini lafa tanati aka ifsa tahu d'ufe, aka nami na d'ugefatu dukana keesa inteenne.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Muraani sunileeni tana; ifsaani lafati d'ufe, ammo ifsaa suni ira, biyyiti dukana jaalati, waan hujiini isa hamtutiifi.


Akuma Abbaani nama due kaase jiraachisu, Ilmileeni akasuma nama fed'u jiraachisa.


Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu.


Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.


Anini haga lafa keesa jiru ifsa lafaati.


aka Kristoni gaargale nama qara ka duisa keesaa kau tahe, ifsa biyyaafi nama gosa d'ibileti odeesu.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Nama qara, Adamu, nama jiru uumani; ammo Adamuni muumme lubbu jireenna namaa kennitu.


wonti mullisani suni ch'ufti ifsaa taati. Wonti, Kai, nama rafe, duisa keesaa kai, Kristoni siti ifsa jed'aniifi tana.


Jireenni keesani ka d'ugaa Kristo, gaafa inni mullatu, isanileeni isa woliini mullattani guddinna isaa qoodattani!


Nu waan Dubbi jireenna ta haguma duriiti jirtu t'aamna: nu ya gurra keennaani d'ageenne, ila teennaani agarre dawanne, harka keennaani tunne.


Jireenni kunini mullannaani argine; tanaafi waan isaa dubbanna, ammalle waan jireenna hegeri ka Abba woliini jiru, ka nu beesisani, isaniti himna.


D'ugaleeni tana: Waaqi ya jireenna hegeri nuu kenne, jireenni kunini Ilma isaa keesa jira.


Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.


Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan