13 Worri suni fed'i nama gula ind'alanne, yokhaani nami worra ind'alle, ammo Waaqati worra d'ale.
Isiini lakoole garaa qabdi, ammo ato isiini ind'aliinu ijoolleeni garaa keesati wolwolaante. Rebekaani waan jette, Bada, wonti akana ka nati bue kunini maani? Duuba d'iba isii suni Waaqa gaafatte.
Isaaqooni, ka fooni bineensa ala guddo jaalatu, Esau jaalate, ammo Rebekaani Yakobo ira jaalatte.
Isaaqooni nahe hollate waan jed'eeni, Eenu re, ka reefu si durati bineensa ijeese fooniini naa d'ufe? Anini diquma si durati nyaad'e eebiseefi, eebiti sunini inhanqattu, tama isaa taati.
Sagale miooftu anini fed'u d'aabi naa kootiini, aka anini nyaad'e, ato induiinu si eebisu.
Guyya atini nyaapa kanke haatu, nami kanke ufi gabaasa. Akuma fit'eesa ganamaa, kaima kanke gaareeni kanke qulqullo irati siti d'ufa.
Abbaani keenna Abrahamu ufiini injed'ina, wonti akanatiifi Waaqi d'akhaaye tana keesa ilmaani Abrahamu yaasu dandaa.
Yesoni waan jed'eeni, D'uguma, waan anini siini jed'u, Yo nami maro lameeso d'alate male, dandae Finna Waaqa inargu.
Anini sanyi oobre, Apolooni bisaani iti nanaqe, ammo Waaqati mid'aani suni baase.
Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.
inni nu baase. Maro huji dansa nu hojannefiniti, ammo maro naasu isaatiifi nu baase, Lubbu Qulqullooni nu d'iqe, isiini d'aloota hareesafi jireenna haraa nuu kennite.
Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.
Maro dubbi Waaqa ta haga hegeri jirtuufi, ya aka ijoolle didiqo ta abbaafi haati dootuniti ammo ta indoone d'alattani.
Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,
Aka ijoolle d'io d'alatte taha, nama hojja ch'ufa aanani qulqullo ka lubbuti beelau, aka eegi d'uddani gugurdattani baafamtani.
Nami Waaqaani d'alate daba intolchu, waan jireenni Waaqa isa keesa taufi; ammalle inni dandae daba intolchu, maro inni Waaqaani d'alateefi.
Jaalaani tiyya, woljaalanna, waan jaalalti gara Waaqati d'uftuufi. Nami jaalala qabu ch'ufti ijoolle Waaqaati, Waaqale imbeekha.
Nami aka Yesoni Kristo d'ugefatu ch'ufti ijoolle Waaqa; nami abba jaalatu ch'ufti ilma isale injaalata.
Nu imbeenna aka ijoolleeni Waaqaa daba hojja ch'ufa intolchine wonti akanatiifi Ilma Waaqati isi qorqorata aka hamaani kaani dandae woma isi intolchine.
waan ijoolleeni Waaqaa ch'ufti lafa dabsachu dandeetuufi. Akanaani lafa dabsanna: d'ugefacha teennaani.