Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Nehemia 9:6 - KITAABA WAAQA

6 Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Nehemia 9:6
43 Iomraidhean Croise  

Gaafa qaraa fiit'e, Waaqi lafafi gubba uume.


Jennaani Waaqi waan jed'e, Bisaani lafa gubbaa jirani ha fulla tokoti wolti deebiani, aka biyyeeni godduuni mullattu; duuba akuma suni taate.


Akanaani uumami lafafi gubba ch'ufumanu qit'ae.


Inni worra arge, Gumiini tunini gumi Waaqaa jed'e, fulla suni Mahanaimu maqa baase.


Ammalle Mikayaani waan jed'e, Amma waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasi! Anini AABBO Waaqa ka barch'uma ufi ira tau gubbati arge, ka malaikaani isa mirgaafi bita isaa enjaanjitu.


AABBO Waaqa, d'uguma atini lafa irati ingalta? Gubbaleeni ato ballo akami tateele si infuutu, duuba Mani anini jaare kunini akami dandae si fuud'a?


Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, Waaqa Israeli, ka barch'uma kanke akheekha waan lubbu qaba ka koola gubbaa teetu, siuma ch'allaati lafafi gubba uume, ammalle lafafi nama ch'ufa fidda.


Amma tana ee AABBO Waaqa keenna, harka worra Ashuru kana keesaa nu baasi, duuba akasiini gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti, aka atini ch'allaani AABBO Waaqa beetu.


Jari Lawi kunini Yeshua, Kadmieli, Bani, Hashabneya, Sherebia, Hodia, Shebaniafi Pethahiyaleeni waan biyyaani jed'ani: Olkakaa, AABBO Waaqa keesani haga jiru jireenna faarsa! Nami ch'ufti ha maqa isa gudda faarsu, ato faaruni isa geetu jiraachu baatele.


Atini duri lafa uumte harka keetiini gubba mid'aasite.


Isani worri gubba jajabaani hojattu isaa ta fed'i isaa tolchitu, AABBO Waaqa faarsa!


AABBO Waaqi ka lafafi gubba uume isani eebisinna!


Qarqaarsi keenna AABBO Waaqa, ka lafafi gubba uume iraa d'ufa.


ka lafafi gubbafi baariinifi waan keesa jira ch'ufa uume heregatu. Inni hojja ch'ufa kakhu ufi guute;


Hayyuuni guddinna kunini eenu? Inni AABBO Waaqa gudda, ka nyaapa ufii dabsatu!


AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.


D'ugaani tante akuma gaara d'eerati; d'ugaani atini qorte woini murtuleeni haga d'immu baariini gadi fagaati. Namaafi horileeni harkuma kanke keesa jira.


Atini jaba, ammalle waan mama tolchita; siuma ch'allati Waaqa.


Ee AABBO Waaqa, Waaqa Israeli ka barch'uma kanke ka waan lubbu qabu ka koola gubbaa jiru ira teetu, siuma ch'allati lafafi gubba uume lafafi nama ch'ufa fida.


Ammatana ee AABBO Waaqa keenna, harka worra Ashuru kana keesaa nu baasi, duuba akasiini gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti aka atini ch'allaani AABBO Waaqa beeti.


Gumi Israeli, isani d'uga tiyya; anini isani fohad'e, aka na male waaqi d'ibiini injirre hubattani. Na male waaqi d'ibiini injiru; durile injiru, takaa tanale injiru.


AABBO Waaqi, ka worra Israeli fide qorqoratu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini ka qarati, ammalle ke eegeti, ana male waaqi d'ibiini tokoleeni injiru.


Insodaatina, imudamina, gumi tiyya. Isani haga duritifi haga arrale aka anini waan taha hime imbeetani? Isanileeni amma d'uga tiyya. Na male Waaqi d'ibiini injira? Waaqi irre qabu d'ibiini, ka anini imbeenne, injira?


Nami lafa mid'aase nama isi irati uume anuma. Harka kiyyaani anini gubba dirirse aduufi jiaafi urjileeni harka kiyya keesa jirti.


Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.


Anini aadaafi seera kiyya, ka nama gula deemu jireesu, barsiise kenneefi.


Inni waan jed'eeni, Anini nama gosa Ebrania; ammalle anini AABBO Waaqa gubbaa, ka lafafi baariinile uume sodaad'a.


Anaafi Abbaani kiyya nama taka.


Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte.


Gubbaleeni haguma geetunu ta AABBO Waaqa keesaniti: lafafi wonti isii keesa jiraleeni ch'ufti ka isaati,


Me amma ilaala, Waaqi d'uga ana, ka d'ibiini injiru. Anini ijeese jireesa, madeese fayyisa, nami tokoleeni na indabsatu.


Ee Israeli, d'agaya! AABBO Waaqa keenna male waaqi d'ibiini injiru.


Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.


Ammalle gaafa Ilma angafa lafaani d'ufe inni waan jed'e, Malaikaani Waaqa ch'ufti ha isa guddiftu.


Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!


Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan