Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Nehemia 9:5 - KITAABA WAAQA

5 Jari Lawi kunini Yeshua, Kadmieli, Bani, Hashabneya, Sherebia, Hodia, Shebaniafi Pethahiyaleeni waan biyyaani jed'ani: Olkakaa, AABBO Waaqa keesani haga jiru jireenna faarsa! Nami ch'ufti ha maqa isa gudda faarsu, ato faaruni isa geetu jiraachu baatele.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Nehemia 9:5
36 Iomraidhean Croise  

Ato biyyiti achi ejaanjitu Solomonini fuula worrati deefate worra eebise


waan jed'e, AABBO Waaqa Israeli ha guddisani! Inni yayu kakhu duri abba kiyya Dauditi kakhate guute, ta inni.


Jennaani Solomonini gumi ch'ufa dura d'ufe fulla sorio iti qalani eje, harka olfud'ate,


AABBO Waaqa, d'uguma atini lafa irati ingalta? Gubbaleeni ato ballo akami tateele si infuutu, duuba Mani anini jaare kunini akami dandae si fuud'a?


AABBO, Waaqa Israeli, faarsa! Haga jiru jireenna ch'ufa isa faarsa! Jennaani gumiini ch'ufti Amini jette, AABBO Waaqa faarsite.


Irreefi humnaafi, guddinnaafi mid'aagumafi jabeenni keetuma. Wonti gubbafi lafa keesa jiraleeni ch'ufti keetuma, atini hayyu hayyu ch'ufa mohatu.


Amma, Waaqa keenna, nu galata si deebifne maqa kanke gudda faarsina.


Jennaani Daudini waan gumi ch'ufaani jed'e, AABBO Waaqa keesani faarsa! Jennaani gumiini ch'ufti AABBO, Waaqa ababoota isaani faarsite, AABBO Waaqafi hayyu durati gajejete guddifte.


Worri Yuda ch'ufti, nad'eenifi ijoolle worraa woliini, Mana Waaqa dura ejaanjani.


Nami gosa Lawi ka balbala Kohathitifi ka Koraleeni olejanje lalabe AABBO Waaqa Israeli faarse.


galata isaa deebise waan jed'e, AABBO Waaqi waan dansa, jaalalti inni worra Israeli jaalatu waan d'umatatiniti. Waan Mana AABBO Waaqa yayabanifi nami ch'ufti, haga dandau, lalabe AABBO Waaqa faarse.


Waan jaarani, ka worri Lawi ira ejaanjuti jira, waan suni ira Yeshuafi Kadrielifi Banifi Shebaniafi Sherebiafi Bunifi Banifi Kenaaniti ejaanje lalabe AABBO Waaqa isaani kad'ata.


Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Anini qulluma d'alad'e gaafa duulle qulluma dua. Waan kanale Abbuma Waaqati naa kenne, ammalle isumati fud'ate, maqa isaa ha faarsani!


Eenuti dandae waan jabdu inni tolche ch'ufa hima? Eenuti dandae faaru isaa ch'ufa haga beekhe hima?


Koota, hojattuuni isaa ch'ufti ta halkani mana isa keesa hojattu, AABBO Waaqa faarsa.


Anini guyya ch'ufa galata si deebise haga jiru jireenna si faarsa.


Waan guddinna kanketitifi ka hayyuma teetile dubbatani; aninileeni huji tante ta mama waan isii herega.


Anini haga jiru ch'ufa isa faarsa! Jireenna kiyya ch'ufa keesa Waaqa kiyyaa sirba.


Anini waan AABBO Waaqaani jed'u, Ee AABBO si male anini waan dansa tokole inqabu.


Isa faarsa maqa isa guddisa; faaruni isa guddisa!


Nami ch'ufti ha maqa isaa gudda jaba faarsuti; inni qulqullo!


Ee AABBO Waaqa, Waaqi d'ibiini aka kanke jiru eenu? Eenuti aka kanke qulqullooma gudda qaba? Eenuti waan mamatiifi huji jabdu aka kanke dandae tolcha?


Harki kanke mirgichi, AABBO Waaqa, jabeenna gudda dabsatuuni qaba; inni nyaapa gargari herood'a.


Waaqa qaroomafi jabeenna qabu haga jiru jireenna ha faarsani!


Hojja suni Yesoni waan jed'e, Anini galata sii deebisa, Ee Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana worra qalbi qabuufi worra wo barate d'ossite ijoolle didiqoti mullifteefi.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Yo isani dubbi seera, ta kitaaba kana keesati t'aafani, jabeesitani guutu diddani, ammalle maqa jaba ka AABBO Waaqa keesani ka guddisani ulfeesani sodaachu diddani,


Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,


Malaikaani waan jetteeni, Maanifi maqa kiyya beekhu feeta? Maqaani kiyya maqa mamaati.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan