Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Nehemia 6:8 - KITAABA WAAQA

8 Anini qonqo iti erge waan jed'eeni. Wonti atini jette suni ch'ufti d'ara, woma atini herega keetiini baafte ch'alla.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Nehemia 6:8
12 Iomraidhean Croise  

tanaafi inni raagoota Yerusalemu keesati isa lalabde hayyu Yuda tolchitu fohate. Jecha kana hayyuuni inuma d'agaya, tanaafi kooti, mala woliini d'oomna.


Isani daallumma teesani kiyyibaani d'ossitani, isani ch'ufti ch'ireeyyi woma imbeenne fakaatani.


Dubbini afaani isaa keesaa baatu ch'ufti ta ch'ubbutiifi ta d'araa, ammalle inni waan dansa qajeeltu deebie intolchu.


Nami na ijeesuu fed'u t'urura naa kaye, nami na gaargalchu fed'u badi tiyya dubbata; worri mala nati d'aachu illakisu.


Atini mala namaani balleesitu d'aata, arabi kanke aka haadu qara qaba. Atini guyya ch'ufa d'ara dubbatta.


Isani gaadisa koraa d'at'ani, dubbi d'araatiini nama himatani. Isani d'ara gula yaatani kara sunini d'uga barbaadani. Hameenna hereddani waan hamtu nama tolchitani.


Duuba hayyoota taani lamaani ta garaani worraa wolballeesu fed'u, mesa takaa ira woliini teteete wolti kiyyibdi. Ammo waan tahu fed'ani inargatani, wonti akanatiifi guyyaani wonti sunini taatu ingeenne.


Isani ilmoole bofaati! Akami dandeetani waan dansa dubbattani, yo isani hamamo taatani? Wonti akanatiifi afaani waan garaani qabu dubbatani.


Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.


Jennaani Pauloni waan jed'e, Anini barch'uma kora ka hayyu Kaisari dura ejad'a, fulla iti na qoru malani. Anini Yahudi dura woma iyakine, akuma atini beetu.


Eegi inni d'ufe, Yahudiini Yerusalemu d'ufte isa bira ejatte waan jabdu hedduuni Paulo himatte, ammo waan tokole ta d'uga fakeesa d'abani.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan