16 Nyaapi keenna, ka d'aatu teenna jiru kaani, dubbi suni d'ageennaani aka hama ch'eere; wonti akanatiifi nami ch'ufti, aka hujiini suni qarqaarsa Waaqatini hobaate, ya beekhe.
Ammo Sanbalatini ka dira Beth-Horonitifi Tobiani ka lafa Amoni keesati guddinna qabu nama waan dansa worra Israeliiti tolchu d'ufe d'ageennaani aka hama dalanani.
Sanbalatini aka nu Yahudiini dira jaaru jiru d'agaye jennaani aka male dallane d'ufe nu goyeese.
Sanbalatifi Tobiafi jara lafa Araftitifi ka Amonitifi ka Ashdodileeni, aka nu jabaanne naabo Yerusalemu jaare, fulla d'akhaani wolhanqatuni ch'ufa duuchine d'agaye jennaani, aka hama dallane.
Bara suni ch'ufa jaaroleeni Yahuditiifi Tobiani tatabe wolti ergani.
Nyaapi kiyya, aka nami na baasu sii, ha beekhu.
Nu akami kofalle gammanne sirbine! Duuba gochiti d'ibiini waan keenna dubbate waan jette, AABBO Waaqi waan jabdu worraa tolche.
Nama Sioni jibbu ch'ufa ha dabsatani dudda duubati deebisani!
AABBO Waaqi Yerusalemu ta qara bade jaare, worra Israeli ka boojiani lafa d'ibi geesani iti deebisa.
Ammalle inni miila gaari worra Misiri lafati mat'anse, duuba gaari worraa chochou d'owe. Worri Misiri waan jed'e, Worra Israeli kana biraa nu baqachiisa. Wonti akanatiifi Waaqati worraa kalche nu had'uu jira!
Diri kunini gammadafi ulfinnaafi gurraani naa d'ufa; ammalle gochiti ch'ufti sodaate mudamti, hojja waan dansa anini worra Yerusalemuti tolcheefi hormaata anini dira sunitini d'ufu d'ageetu.
Qud'aami falfala yokhaani tolchi aka d'ibi ka worra Israeliti tolchani injiru. Amma tana biyyiti waan Israeli dubbate waan jettu, waan Waaqi worraa tolche, me ilaala!
Tanaafi amma waan anini isaniini jed'u, Jara kana hanqad'a, lakisa. Yo dubbi tanaafi hujiini tuni ta namaa taate inuma baddi;
Nu waan suni d'ageenne jennaani mudamne bisaani naqanne waan taanu wollaale maro teesanifi. AABBO Waaqi keesani Waaqa gubbafi lafale jiru.
Waan jetteeni, Anini imbeekha aka AABBO Waaqi lafa tana isanii kenne. Nami lafa tana keesa jiru ch'ufti ya isani sodaate mudame bisaani naqate waan tahu d'abe.
Hayyooti Amori ch'ufti ta lafa Yordani ila adu jirtu, ammalle hayyooti Kanaani ta galaana d'aatu teetu, aka AABBO Waaqi galaana Yordani gosse, worri Israeli taake d'ageete jennaani maro gosa Israelitiifi aka taka inargini naate lubbuuni d'ufte.