Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Nehemia 5:9 - KITAABA WAAQA

9 Jennaani anini waan jed'eeni, wonti isani tolchitani sunini diqole dansaniti! Sila Waaqa sodaatani waan dansa tahu maltani. Yo akasi taatani nyaapi keenna, ka gosa d'ibi, waan nu goyeesuuni inqabu.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Nehemia 5:9
21 Iomraidhean Croise  

Abrahamuuni waan jed'eeni, Anini waan nami Waaqa sodaatu lafa tana keesa jiruyu inseene; waan na ijeesani niiti tiyya naraa fud'atani sehe.


Guyya sadeeso Yusufuuni waan jed'eeni, Waan isani taatani, anini Waaqa sodaad'a.


Ammo maro atini kara kanaani AABBO Waaqa akana tufateefi, ilmeeni atini d'alte indooti.


Jennaani anini Waaqa kad'ad'e waan jed'e, Ee Waaqa, aka worri kunini nu goyeesu d'agayi! Goyeesa tana mata worrati deebisi worra boojii, lafa d'ibi geesi.


Anini yayu mid'aanifi beesele biyya gati kenne, waheli kiyyafi hojattuuni tiyyaleeni akasuma tolchite. Amma waan taanu, nu gati suni imbarbaannu.


Jari duri na durati gudda lafa suni tahe ch'ufti biyya dabse, guyya ch'ufa qarsi afurtamatiifi daad'ifi sagale ira guurata.


Eenuti aka dallansuuni tante jabdu beekha? Eenuti soda dallansuuni tante namaatiini d'uftu beekha?


Nami d'ibaani deemu jaallowaani ufi sobe badiini iti d'ufa.


Nami woma iyyakini ka karra mataa iti murani daba; nami d'uga gula deemu ka d'ananileeni diqole dansaaniti.


Nama wo yake ira ch'iisani nama d'uga qabu d'uga d'owitini daba.


Nami hubacha inqamne ka woi owisu dansaaniti; hifanooti kara ira si gorse si balleesa.


Jecha kanale worruma qarooti jed'e: Jaarsi gaadisa kora keesati dubbini nama ira ch'iisu dansaaniti.


Worri fulla yau ch'ufati maqa kiyya qulqullo balleese; wonti akanatiifi nami worra argu ch'ufti waan jed'u, worri kunini gumi AABBO Waaqati, ammo lafa inni kenneefi suni keesumaa baasani.


Woma ira infud'atini, ammo Waaqa sodaad'i, inni ha sibira tau.


Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Maro isani Yahuditiifi gochiti d'ibiini maqa Waaqa arabsiti.


ufi qorqoratte qulqulloomte, hallaqoomafi adabaani d'iirsa ufi saalfattu, aka nami tokoleeni hameenna dubbi Waaqa indubbanne.


Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.


Ilmaani tiyya, waan hamtu akana kana lakisa? Wonti akana kunini waan ch'eerati, ka nami AABBO Waaqa waan keesani dubbatu!


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan