AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Hayyoota Israeli, isani bara heddu ch'ubbu tolchitani! Ule isani nama d'aantanifi daba isani nama dabsatani suni lakisa. Waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha. Deebitani gumi tiyya lafa isaani keesaa ingussina, nami dubbi tana isaniini jechu jiru ana, AABBO Waaqa gudda.