Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Nehemia 4:14 - KITAABA WAAQA

14 Anini aka biyyiti mudamte arge jennaani, waan worraafi jaaroleefi gugurda worratiini jed'e, Nyaapa keenna ind'eetina. Qaabad'a, aka AABBO Waaqi ireefi jabeenna qabu; gosa teesanifi ilmaani teesanifi nad'eeni teesanifi olla keesanii jed'a, nyaapa had'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Nehemia 4:14
34 Iomraidhean Croise  

Garaa jabaad'i nama keennafi dira Waaqi keenna nuu kenne nyaapa hanne iraa d'owarra. Fed'iini AABBO Waaqa ha taatuti!


Ilaafina, garaa jabaad'a, hayyu Ashurutifi duula isaa gudda muumme inqamne suni insodatina. Irreeni teennafi ta isaa takaniti.


Ee AABBO Waaqa gubbaa, Waaqa gudda, ka dandae nami sodaa si dura inejine ka nama jaalate seera kanke guutu wold'aqisa woliini tolfatani jabeesitu;


Waan aka worqi bibiliqa mirgati argani, guddinni Waaqa nu mamsiisa.


Anini guyya dabre qaabad'a, waan atini ch'ufa tolchite herege, huji tante ch'ufa qaabad'a.


Nami gari gaari ufii d'ugeefata. Ka gari fardoole ufii d'ugeefata; ammo nu maqa AABBO Waaqa keenna d'ugeefanna.


AABBO Waaqi ifsafi baafama kiyya; anini nama tokole insodaad'u. AABBO Waaqi gaargala lubbu ch'ufa duraa na baasa, anini woma insodaad'u.


AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.


Atini dabsacha nu kennite, waan mama tolchite nu baafte, akasiini kad'acha teenna nuu d'ageete. Nama lafa keesa jiru ch'ufafi ka galaana gama jiruleeni ch'ufti si abdata.


Waan isani Waaqaani jettani, wonti atini hojattu ch'ufti waan mamaati! Irreeni tante guddo jabdu tanaafi nyaapi kanke mudame si durati qanch'oorata.


Koota, waan mama, ka Waaqi nama ch'ufa durati tolche laala.


AABBO Waaqi isanii kalcha, yo isani takaa taatani jabaattani.


Ammalle inni miila gaari worra Misiri lafati mat'anse, duuba gaari worraa chochou d'owe. Worri Misiri waan jed'e, Worra Israeli kana biraa nu baqachiisa. Wonti akanatiifi Waaqati worraa kalche nu had'uu jira!


Tanaafi atini Waaqa ka si uume kaimoma kanke keesa qaabad'i, ato guyyaani hamaani, atini gungumte, anini jireenna inqabu jettu, ingahiini.


Kara sobaatini hayyichi worra wold'aqisa ch'abse suni gama ufi deebisa, ammo worri Waaqa beekhu garaa jabaate isa dida.


Duuba AABBO Waaqi kae, gosa suni ch'ufa aka inni duri had'e had'a.


AABBO Waaqa diddani iraa ingorina, worra lafa suni insodaatina, worri womaa keesa nu injiru, hure dabsanna. AABBO Waaqi nu woliini jira, Waaqa worra, ka worra qorqoratu, yayu dabsate irre d'owe, tanaafi insodaatina.


Nama nafa ijeese ammo lubbu woma tolchu indandeenne insodaatiina; ammo nama nafafi lubbu ibida keesa buusu dandau sodaad'a.


AABBO Waaqi keesani Waaqa Waaqa ch'ufa ira jirufi jabeenna, jabeenna ch'ufa ira jiru. Inni gudda jaba ka nami sodaatu: ka nama gargari infillee yokhaani ka gumbo inyaanne.


Tanaafi garaa jabaanne, Aabbooni qarqaarsa kiyya, anini woma insodaad'u! Nami maani na tolchu dandaa? jenna.


Anini qara ilaafini, garaa jabaad'i siini injenne? Sodaate garaa ilaafini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, fulla atini deemtu ch'ufa sii wahelcha.


Achi gaareeni Efraimutini bahe jennaani magalata d'ae, worra Israeli duulaa wolti yaame. Jennaani gaareeni suni iraa woliini gabuani,


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan