Jennaani Darioni tatabe tana worrati erge waan jed'e: Gara Tatenai ka gudda lafa Efrati ta ila adutifi Shethar-Bozenaifi. Wahela keesani ka lafa Efrati ka ila adu: jiru, waan isani taatani: Mana Waaqa suni hanqad'a!
Anini nama hori hayyu olkayu ch'ufa, ka lafa Efrati ta ila adu jiru, waan jed'uuni: Waan qaallichi Ezrani, ka waan Seera Waaqa gubbaa ch'ufa beekhu, isani gaafatu ch'ufa hurrisa, iti keenna, ammo haga kana indabarsina:
Anini sila ch'eeraafu dandae hayyichaani, askartiti farda, ta karaati nu qorqorate, nyaapa nura d'owartu nuu kenni, injed'uuni; wonti akanatiifi anini qara hayyuuni, Waaqi nama isa barbaadu ch'ufa ineebisa, ammo nama isa iraa gore, inni jibbeti gaargalcha jed'eeni.
Ammalle worri tatabe hayyichi iti kenne taani fuud'e jara gugurdafi jaarole lafa Efrati ta ila aduti kenne, akanaani worri sunini biyyaafi Mana Waaqale qarqaare.
Melatia, ka Gibeoni bahefi Yadoni ka Meronothi bahefi jari Gibeonitifi ka Mispa worrati aane qooda ufi jaare, mana namicha gudda lafa Efrati ta ila aduti d'aabe.