Nehemia 13:7 - KITAABA WAAQA7 na gadid'iisi jed'eeni. Artini baannaani aka Eliashabuni Mana Waaqa keesa Tobia fulla inni bulu kenneefi arge aka male iraa rifad'e. Faic an caibideil |
Eegi waan suni ch'ufa tolchani, jaaroleeni hagi toko d'ufte waan nani jette, worra Israelitiifi qaaloleefi worri Lawi worra gosa Amonitifi Moabutifi Misiritiifi Kanaanitiifi Hititifi Perezitifi Yebusitifi Amori, ka d'aatu worraa jiru woli ilaganne. Waan hamtu worri sunini tolche ch'ufa worrileeni tolchu jira.
Inni Tobia qarqaare, mana gudda sila waan Waaqaa baasani keesati olkayani kenneefi, wonti baasani qara duri mana suni keesati olkayani tana: mid'aani, hit'aana, miha Mana Waaqa keesani hojattani, waan qaalolee baasani, qooda mid'aanitifi daad'i, d'ad'a ka worra Lawitifi sirbitufi worra Mana Waaqa eeguu baasani.