Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Mudhii Yohaannisii 4:7 - KITAABA WAAQA

7 Wonti suni ka qara nyeench'a fakaatti; ka lameeso yabiye looni fakaatti; ka sadeeso fuula aka fuula nama jiru qabdi; ka afreeso risa, barisu fakaatti.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Mudhii Yohaannisii 4:7
20 Iomraidhean Croise  

Wonti sunini afraanu fuula afuri qabdi. Ka qara fuula korma looni, ka lameeso fuula namaa, ka sadeeso fuula nyeench'aa, ka afreeso fuula risaa.


Wonti sunini ch'ufti fuula afuri ka gosa gosa qabdi: duraa fuula namaa qabdi, mirgaa fuula nyeench'a qabdi, bitaa fuula korma looni qabdi, ammalle duubaa fuula risa qabdi.


Wonti kunini ch'ufti fuula afurifi koola afurifi waan harka namaa fakaata koola ch'ufa jalaa qabdi.


Barch'uma suni durale waan aka galaana dawiti ka bibiliqaati jira. Ammalle d'awatu barch'uma suni, gama ch'ufa waan lubbu qaba afuriti jira ka ila duraafi duubale qabdu.


Ka qara nyeench'a fakaata, ammo koola aka risa qaba. Ato anini tae laalu, koola suni iraa baasani bineensa suni olfuud'ani, miila lamaani aka nama old'aabani qalbi nama kennanifi.


Fuula afurifi koola afraani suni male, worri ch'ufti harka afuri, ka aka harka nama jiru koola ch'ufa jalaa qaba.


ammo nami AABBO Waaqa d'ugeefate isa eegatu deebie irre argata. Worri akuma risa barisaa, orie indad'abu; yo miilaani yaule yae indad'abu.


AABBO Waaqi gosa isani afaani isii ind'ageenne muumme lafati isaniti erge, worri aka risa isani ira bua.


Ato atini aka risa olfagaatte, mana kanke gara urjiti jaarattele, anini ga si buusa.


Gochiti ch'ubbu tolchitu gaargalte, nami hedduu isi mohata. Ammo gochiti hojja nami qarooni wobeekhu mohatu, jabaate, ka injijiramne nagumaani teeti.


Saulofi Jonathanini nama dadansa jaalatani; duafi jireennale wolumaani jirani; worri rissa ira qolchaa, nyeench'a ira jaba.


Yudaani kuble nyeench'aa fakaata, ta bineensa nyaatte kaate biraa deemtu. Yo isiini dirirfatte ch'iiftu, eentu dandae kaasa?


Herega keesani keesa aka ijoolle intahiina, oboleyaani tiyya; waan hameennati ijoolle taha, ammo herega keesani keesati nama gudda taha.


Worri janna nyeench'a ka wa gaadu fakaata; hojja inni rafu eentu dandae kaasa? Nama Israeli eebisu ineebisanifi, ka abaaru inabaarani.


Gochiti Israeli aka janna nyeench'a jirti: Isiini haga gargari tatarsaafte nyaate hobaafte waan ijeefte ch'ufa d'iiga d'uduti gadi inch'iiftu.


Ilmeeni Hoola ammalle beesisa lameeso ch'absite. anini waan lubbu qaba kaani ka lameeso kooti naani jettu d'agaye.


Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa sadeeso ch'absite. Ammalle waan lubbu qaba kaani ka afreeso, ka kooti naani jettu d'agaye. Anini millannaani farda guraacha toko arge. Nami isa yaabatu waan woiini biimani harka qaba.


Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa afreeso ch'absite; waan lubbu qaba ka afreeso ka kooti naani jettu d'agaye.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan