Yo nami waan tokole fagiisa kitaaba kana keesaa fuud'e, Waaqi qooda mid'aani mukha jireenna isa duraa fuud'a, qooda isaa ka Dira Qulqullole, ka kitaaba kana keesati t'aafani.
Ee Yerusalemu, lafaa kai, garaa jabaad'i! Ee dira qulqullo, woya mid'aadu keeyad'i! Worri Waaqa imbeenne, ka aada inqamne, deebie fullo teetiini oli inseenu.
Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi
Taatule lafa ira dansa barbaadani, lafa gubbaa jirtu. Maro waan kanatifi yo worri Waaqaani, Waaqa keenna jed'u, inni inch'eerfatu, waan inni dira worra mid'aaseefi.
Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.