Ammo AABBO Waaqi ammalle dira suni keesa jira; waan d'uga male inni waan hamtu intolchu. Diirama ch'ufa ka inoolle dubbi gumi ufii d'ugaani qora; ammo nami d'uga inqamne ka dira suni, guyya ch'ufa ch'eera d'abe waan hamtu tolcha.
Malaikaani d'ibiini ta qara taani gula deemte, qonqo guddooni waan jette, Ya jige, ya jige, Diri Babiloni guddaani! Inni daad'i ufi gosa ch'ufa obaase macheese — daad'i hamtu ta d'araa isaa.
Qorsumaani isaa ta d'ugatiifi ta qajeelaati! Inni ya sharmut'iti guddo ta hameenna ufitiini lafa balleesite wollaala iti mure. Waaqi ya maro isiini tissele isaa fit'eefi gaargalche jettu.