3 Nami dubbi faga tana soomu eeba argata, nami ch'aqase waan keesa t'aafani guutuleeni eeba argata! Wonti akanatiifi hojjaani wonti kuni taatu ya d'iaatte.
Nami ch'aqasu, ka hojja ch'ufa mana kiyya dura eje balbala keesati na eegu, gammada argata.
Anini waan Serayani jed'e, Yoyu Babilonini baate, waan kitaaba kana keesa jira ch'ufa lalabi, biyyaa soomi.
Isani waan jibbani, ta nama rifachiisa, ta fulla qulqullo ejitu, ta raagi Danielini waan isii dubbate ya argitani (nami soomu ha hubatu)
Ammo waan Yesoni jed'eeni, Nami dubbi Waaqa d'agaye guutu, ha hagami eeba argatu!
Waan kana tolchu maltani, waan saati beetaniifi: hojjaani isani hiriiba keesaa kaatani ya geete. Hojjaani nu baafamnu ya haga qara nu d'ugefanne ira gadi d'iaatte.
Halkani ya ala hobaani, lafti diquma imbariini. Waan dukana lakisu malle. Miha lola ka ifsa naqachu malle.
Muummeeni waan ch'ufa ya d'iaatte. Tanaafi ufi tissitani kurfo tau maltani, aka Waaqa kad'attani.
Ammo waan kana inded'ina, jaalaani tiyya! Waaqa durati guyya tokofi ganni kunki tokoleeni haguma taka.
Ammalle isiini waan naani jette, Dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu ind'ossiini, yoi wonti kunini ch'ufti taatu ya d'iaate.
Yesoni waan jed'u, Ch'aqaaqasi! Anini d'iotu d'ufa! Nama ch'ufa waan inni tolche gula galata kennaafi.
Nami waan kana ch'ufa d'ugeesu waan jed'u, D'uguma, anini d'iotu d'ufa! Ha taatuuti. Kooti, Aabbo Yeso!
Anini d'iotu d'ufa. Waan harkaa qabdu jabeesi, aka nami tokoleeni waan atini dabsatte argattu sira inhanne.