Ammo anaafi worri lafa tiyya eenu qara, ka nu dandeenne waan kana ch'ufa akana si baamnu? Wonti ch'ufti garuma keeti baati, nuleeni woma qara atini nu kennite sii kennina.
Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.