Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Luqaas 4:1 - KITAABA WAAQA

1 Yesoni, Lubbu Qulqullooni guutamnaani galaana Yordaniti deebie; Lubbuuni suni lafa alo isa geesite.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Luqaas 4:1
19 Iomraidhean Croise  

Hojja akuma anini deemeni lubbuuni AABBO Waaqa arma si fuute fulla nami imbeenne si geesite, anini maani taha? Duuba hojja anini Ahabuti hime arti si d'abani, Inni na ijeesa. Atini imbeeta anini haguma d'alad'e AABBO Waaqa sodaad'a.


ufi guyya suni ch'ufa lafa aloo keesa deema oole. Jennaani ato deemu ejate gaadisa mukha jala tae, Waaqaani, lubbu na keesa fuud'i, hojja anini due ira na jirti jed'e.


AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.


Irreeni AABBO Waaqa humna guddoni nati d'ufte, ato lubbuuni isaa oliini na deemtu anini aka male dallane garaa hammaad'e.


Eegi Yesoni batiso argate, hojuma suni bisaani keesaa baanaani, gubbaani banamte, Lubbu Waaqa ta bifa sabaliisa qabdu, ta isa ira teetu arge.


Lubbuuni suni isati akheete jennaani inni Mana Waaqa olseene. Duuba abbaafi haati Yeso gurbaani olseennaani, aka isaa aada Seeri fed'u guutani,


Tanaafi inni lafa ch'ufa ta d'aawatu galaana Yordani d'aqe namati odeese waan jed'e, Daba iraa deebia, batifama, aka daba isani araaramani.


Kennanini ka Enoshi, Enoshini ka Sethi, Sethini ka Adamu, Adamuni ka Waaqa.


Jennaani Yesoni jabeenna Lubbu Qulqullotiini kae Galilayati gale; gurri isaa arda suni ch'ufaa gahe.


Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,


Ammalle Yohanani d'ugeese waan jed'e, Anini Lubbu ta aka sabaliisa jirtu, ta gubba gadi buute isa gubba teetu arge.


Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.


haga inni gubbati oldeebie. Ato gubbati oliindeebiini, inni jabeenna Lubbu Qulqullotiini jara qara fohate ergattu tolfateti d'aame.


aka Waaqi Yeso Nazareti Lubbu Qulqullofi jabeennaani muude, isani imbeetani. Inni fulla ch'ufa dedeeme waan dansa tolche, nama Sheet'ani gaargalche ch'ufa fayyise, waan Waaqi isa woliini jiruufi.


Bisaani keesa baanaani, Lubbuuni Aabbo Filipo fuute. Namichi kaani lafaa isa d'abe, ammo gammadaani kara ufii iti d'aabate.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan