Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Luqaas 2:13 - KITAABA WAAQA

13 Jennaani malaika suni woliini duuli malaika hedduuni tassa d'ufe, Waaqa guddise waan jed'e:

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Luqaas 2:13
18 Iomraidhean Croise  

Duuba oobjate, riiqa d'eera gubbafi lafati eju, ka malaikaani gula gabuute gula oldeebitu, arge.


Ammalle Mikayaani waan jed'e, Amma waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasi! Anini AABBO Waaqa ka barch'uma ufi ira tau gubbati arge, ka malaikaani isa mirgaafi bita isaa enjaanjitu.


Guyya suni bakalchi ganama woliini sirbe malaikaleni gammadani iyyite.


Malaikaani isaa ch'ufti isa faarsa, duuli isaa ka gubba ch'ufti isaa faarsa.


AABBO Waaqi gaari isaa ka fardi hirkisu, ka kunki heddutiini gaara Sinai iraa d'ufe, Fulla Qulqullo seena.


Duuba lubbuuni Waaqa oli na fuute. Jennaani qonqo guddo toko ta, guddinna AABBO Waaqa gubba jiru faarsa, jettu ufi duubati d'agaye.


nafa isaa ch'ufa lola ibidati keesaa yaa. Nama kuma hedduti isaa hojata, ammalle nama muumme inqamne, ka kunki kunkiti, isa, dura ch'iisa, kori tae, kitaaba banani.


Waan anini isaniini jed'u, Akasuma malaikaani Waaqa gammaddi, hojja nami toko ka daba qabu daba suni iraa deebiu.


Waan kanati akheekha isanii taha: daima gombo keesa rafisani woya daima iti uyisani argitani.


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


aka hojja tana, gumi Waaqaatiini, hayyoota malaika fakaattufi jabeenni gubba jiru ch'ufti qalbi Waaqa ta aka aka jirtu baratu.


Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.


Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.


Waaqi ya raagootati mullise, aka hujiini worri hojate worra inqarqaarre, ammo isani qarqaartu, ato worri d'uga isani amma d'ageetani tana dubbatu. Ergattu Odu Dansa, ta jabeenna Lubbu Qulqullo, ta gubbaa gadi erganiini dubbateti waan kana isaniti hime. D'uga tana malaikaleeni sila barachu feeti.


Ammalle anini millannaani malaika kunki heddu d'agaye, ta aka kunki kunki! Barch'uma guddinnatiifi waan Lubbu qaba afraanifi jaarole marsite,


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan