Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Luqaas 11:41 - KITAABA WAAQA

41 Ammo waan mudunufi qori keesa jira hiyyeeyii qooda, duuba wonti ch'ufti qulqullo isanii taati.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Luqaas 11:41
37 Iomraidhean Croise  

Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.


Ayyaana isaati ka hiyyeesaa nahu; hojja inni gaargala qabu AABBO Waaqati isaa qarqaara.


Nami hiyyeesa dabsu ya Waaqa isa uume arabse, ammo nami hiyyeesaa nahu Waaqa guddisa.


Nami Waaqa jaalate saalfatufi araarsa isa ira argata; nama AABBO Waaqa sodaatuti ch'ubbu iraa gora.


Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.


Tanaafi amma, ee hayyicha gorsa kiyya ch'aqasi, fud'ad'i. Ch'ubbu lakisi, waan dansaa tolchi, hiyyeesale nahi, duuba atini horteeti bulta.


Hiyyeeyiini guyya ch'ufa isani woliini jirti, ammo anini guyya ch'ufa isani woliini injiru.


Nama wo si kad'atu kenni; ka wo liqefatu ind'owatiini.


maro qalbi isaa inseenne, ammo gaara isaa seente keesa baatuufi. (Jecha kanaani Yesoni aka sagaleeni ch'ufti qulqullo garsiise.)


Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.


Duuba anini waan isaniini jed'u, Hori lafa tanatiini jaala tolfad'a, aka hojja horiini d'umate mana hegeriti isani yaamani.


Yesoni akasi d'ageennaani waan isaani jed'e, Waan toko fitate; waan atini qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba hori gubba argatta, duuba deebii, na gula kooti.


Zakayooni olejate waan Aabbooni jed'e, Ilaali, Aabbo, anini hori kiyya gama toko hiyyeeyii qooda; yo anini nama tokole hori dabaani ira fud'ad'e, maro afuri deebisaafi.


Qonqooni taani ammalle maro lameeso deebite waan jetteeni, Waan Waaqi qulqulleeseeni, Qulqulloniti injed'iini.


Jari Yeso ch'ufti, haga dandau, aka oboleyaani Yudea keesa jirtu qarqaaru woli gale.


Ganna heddu Yerusalemu iraa tae jennaani horifi sorio gosa tiyya baasu d'ufe.


Yo isani guddo wo kennu feetani, Waaqi waan isani qabdani ka isani baaftani fud'ata, waan isani inqamne imbarbaadu.


Nami duri wo hatu ha hanna lakise hojatuuti, aka harka ufitiini ufi bulche hiyyeeyile qarqaaru.


Nama qulqulloti wonti ch'ufti qulqullo; ammo worra t'uri, ka ind'ugefanne, wonti tokoleeni iti qulqulloniti, maro qalbifi heregi worraa t'uri qabuufi.


Waan dansa tolchaafi woli qarqaarsa inded'ina. Sorioni akana tunini Waaqa gammachiifti.


Waaqi ka d'ugaati. Inni huji isani maro isa jaalattaniifi tolchitani inded'u, hojja isani gumi Waaqa duri qarqaartani arrale qarqaartani.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan