10 Wonti akanatiifi nami wo kad'atu ch'ufti inargata, nami woi barbaadu, inarga; nami balbala d'ad'aule duraa banani.
Anini sodaad'e waan jed'e, Inni yayu ufi dura na fageese. Ammo anini iti bohe qarqaarsa kad'ad'e jennaani inni kad'acha naa d'agaye.
Tanaafi anini waan jed'e, Guyyaani kiyya ya hobae, gara Waaqale d'aabu inqabu.
Yo anini qarqaarsa kad'ad'a lalabe iti bohule, Waaqi na ch'aqasu dide.
Nama wo si kad'atu kenni; ka wo liqefatu ind'owatiini.
Nami wo kad'atu inargata, nami barbaadu inarga, ammalle nama balbala d'ad'au imbananiifi.
Abba kamiti isani keesa, yo ilmi isaa qurt'umi kad'ate bofa kennaafi?
Tanaafi waan anini isaniini jed'u, Kad'ad'a, inargattani; barbaada, inargitani; d'ad'aa, balbala isanii banani.
Jennaani Yesoni mammaasa kana worrati hime, aka nami guyya ch'ufa Waaqa kad'achu illakimne.
Yo kad'attanile inargattani, wonti akanatiifi heregi keesani hama, waan isani gammachiisa ch'alla kad'achu feetani.
Waan worri obseefi gammada qabani jenna. Isani ya obsa Ayubu d'ageetani, duuba aka Waaqi waan inni fed'u ch'ufa eege keenneefi imbeetani. Wonti akasitiifi Aabbooni guddo naasu qaba, guddo namaa naha.