6 Waaqi waan jed'eeni, D'alooti kanke lafa nyaapaa keesa taa, achiti worra boojiani haga ganna d'ibba afuri worra gaargalchani.
AABBO Waaqi waan jed'eeni, Hubad'u, ilmaani tante lafa imbeenne keesati keessuma taate, tisse tolchani, haga ganna d'ibba afuri aka taka inargini gaargalchani.
Eegi d'aloota ababoota tanteeti ilmaani tante lafa tanati deebiti, wonti akanatiifi anini gosa Amori lafa tana keesaa imbaasu, haga ch'ubbuuni worraa guddatte guyyaani ani worra gaargalchu gahuuti.
Amma kooti, Farao si erga, aka atini worra kiyya, ilmaani Israeli, lafa Misiri keesaa baaftu.
Wonti anini jechu fed'u tana: Waaqi wold'aqisa tolche aka guutu kakhate. Seeri ka ganna d'ibba afuritifi sodoma eegi suni d'ufe dandae wold'aqisa balleesee kakhu Waaqa guutamu ind'owu.