Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Huji Ergattu 7:3 - KITAABA WAAQA

3 Inni waan jed'eeni, Lafa tantetiifi worra kankele keesaa godaani, lafa anini sii agarsiisuti qubad'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Huji Ergattu 7:3
11 Iomraidhean Croise  

AABBO Waaqi waan Abramuuni jed'e, Lafa iti d'alattefi fiit'a tanteetiifi worra abbeetile lakisi, haga lafa anini si agarsiisu deemi.


Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO Waaqa, ka lafa Uru ta Kaldayo keesaa si baase lafa tana sii kenne.


Gaafa Waaqi lafa abba kiyya keesaa lafa d'ibiti na erge, anini waan Saraani jed'e, Aka fed'i te na garsiiftu, nama ch'ufaani, Anini oboleeti isaa jed'i jed'eeni.


Atini aka inni si sodaatu agarte wold'aqisa isa woliini tolfate. Atini isati kakhate, lafa Kanaanitiifi ta Hititifi ta Amoritifi ta Perizitiifi ta Yebusitifi ta Gergishile, siifi d'aloota keeti keenna jetteeni. Waan atini abba d'ugaatifi, kakhu tante guute.


Nami abbaafi haad'a ufi nara jaalatu naa himmalle; ammalle nami ilmaani ufi nara jaalatu naa himmalle.


Akasuma duuba nami waan ufi ch'ufa illakimne dandae nama kiyya intahu.


Jennaani inni lafa Kaldayo keesaa bahe lafa Harani qubate. Eegi abbaani isaa due, inni lafa tana ta isani amma keesa tetaniti qubate.


Tanaafi Aabbooni waan jed'u, Worra lakisa, biraa yaa. Waan t'uri qaba intuqiina, yoosi anini isani fud'ad'a.


D'ugefachaani Abrahamuuni, gaafa Waaqi isa yaame ch'aqase, lafa Waaqi isaa kakhate d'aqe. Inni kae lafa ufi keesaa deeme, ka gara deemu imbeenne.


Jennaani anini Abrahamu ababo keesani lafa galaana Frati gamaati fuud'e, dura deeme lafa Kanaanitini d'ufe ilmaani heddu kenneefi. Anini Isaaqo isaa kenne,


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan