Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Huji Ergattu 28:8 - KITAABA WAAQA

8 Abbaani Publio fayya d'abe qannate d'iiga albahe. Pauloni fulla isaa olseene Waaqa kad'ate, harka isa ira kaye isa fayyise.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Huji Ergattu 28:8
22 Iomraidhean Croise  

Jennaani Yesoni jara isaa kud'ani lama wolti yaame jabeenna kenneefi, aka jinni nama keesaa baasani, fayyad'abafi d'ukuba ch'ufa fayyisani.


Nama d'ukuba qabu fayyisa, ka duele kaasa, ka qomaat'a qabule fayyisa, jinnile nama keesa baasa. Gati male isanii kennani isanileeni gati male namaa kenna.


Jennaani inni waan namichaani jed'e, Harka kanke diriirfad'u. Namichi harka diriirfannaani harki fayye, akuma harka kaani tahe.


Ato Yesoni waan kana dubbatu, motichi toko d'ufe, durati jilbifate waan jed'e, Intalti tiyya ammumatana doote; ammo kooti, harka isi ira kayi, isiini injiraatti.


yo bofa harkaani qabani olfuud'ani, yokhaani had'ale d'ugani woma intahani; nama fayya inqamne harka ira kayani fayyisani.


guddo kad'ate waan jed'eeni, Intalti tiyya diquma induiini, kooti, harka kanke isi ira kayi, aka isiini fayyitu.


Achi keesati waan mama tolchu dad'abe, worra fayyad'abe harka ira kaye fayyise male.


Biyyiti nama duuda bopisu isatiini d'ufte, isa kad'atte, aka inni harka isaa ira kayu.


Harka isi ira kaye, isiini hojuma suni olejatte Waaqa faarsite.


Galgala suni eegi aduuni d'iite, nama fayyad'abe ch'ufa isaatiini d'ufani. Inni nama ch'ufa harka ira kaye fayyise.


D'awatu suni, oobru nama gudda lafa suniti jira, ka maqaani isaa Publio. Inni nu bulche haga guyya sadi nu keessuma isaa taane.


Waan kana tolchinaani nami fayyad'aba qabu, ka lafa suni keesa jiru ch'ufti d'ufe fayye.


Ammo Petroni worra ch'ufa mana keesaa yaase, jilbifate Waaqa kad'ate, gara reefa ilaale waan jed'e, Tabitha, kai! Isiini ila banatte, Petro arginaani kaate teete.


Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.


Lubbuuni nama toko d'ugefacha kennite, ka d'ibi ch'irruma kennitiifi;


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan