25 Tanaafi, d'iiro, garaa jabaad'a! Anini ya Waaqa d'ugefad'e, aka wonti nati himani kuni taatu.
Boriyyaate ganama biyyiti kaate gara lafa aloo, ta d'aatu Tekoa, d'at'e. Ato worri yau, Yehoshefathini waan worraani jed'e, Gumi Yudatifi ta Yerusalemu, na ch'aqasa! AABBO Waaqa keesani abdad'a, duuba nami isani chochoosu injiru. Waan raagooti isaa isaniti himtu d'ugeefad'a, indabsattani.
Waaqi namaaniti, ka kiyyibu; inni namaaniti ka qalbi jijiratu inni waan jed'e inguutu? Waan dubbate intolchu?
La si eebisani, waan atini aka dubbini Aabbooni siti hime guutamtu d'ugefatteefi.
Ammo guddaani askarti waan Pauloni jed'eeni dide, waan gudda hobolotiifi abbaani hobolo jed'eeni gula deeme.
Worri ch'ufti garaa jabaate sagale nyaate.
maro waan kanatifi anini akana gaargala. Ammo anini ammalle inch'eerfad'u, waan anini nama abdad'e beekhufi, ammalle imbeekha aka inni haga guyyaani gahuuti waan inni harka kiyyati kenne qorqoratu.