11 Biyyiti waan Pauloni tolche arginaani qonqo olfud'atte, afaani Likaoniatiini waan jette, Waaqooti hedduuni ya nama fakaate nuti gadi buute!
Anini gosa d'ibi afaani jajabo nami ind'ageenneti si inergu, ammo gara gosa Israeli si erga.
Gumiini lalabde waan jette, Qonqooni tuni ta Waaqati, ta namatiiniti.
Worri Barnabani Zeu jed'e, Pauloni Herme jed'e. Wonti akanatiifi guddaani hasaa Paulo.
Ergattuuni waan kana d'ageennaani, haga Listrafi Derbe, dira lamaani toko, ka lafa Likaonia keesa jiruufi lafa iti aantule iti baqatte.
Worri waan harki isaa itae yokhaani inni maro tokotu lafa d'ae duu sehe. Ammo worri guddo eege, aka inni woma intahiini arginaani heregi worraa garagale, Inni Waaqa jed'ani.
Nami ch'ufti dubbi isaa ch'aqase, diqaafi guddaleeni waan jed'e, Namichi kunini humna Waaqa ta Humna Guddo jed'aniini.