Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Filipi 4:8 - KITAABA WAAQA

8 Dubbi buufata, oboleyaani tiyya hojja ch'ufa dansumafi qajeelumumafi d'ugaafi balchumafi qulqulloomafi waan dansa mirgiti ta faarsu malani herega.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Filipi 4:8
67 Iomraidhean Croise  

Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.


Saulofi Jonathanini nama dadansa jaalatani; duafi jireennale wolumaani jirani; worri rissa ira qolchaa, nyeench'a ira jaba.


Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,


Dubbi qortani keesa nama indabsina; worra ch'ubbu dubbi keesa ira ch'iiftani, gula imbahiina!


AABBO Waaqi nama miisana woini biimu keesa nama dabsu injibba, ammo nama misana qit'eese woi biimu injaalata.


Niitiini dansaani gaad'a d'iirsaati, ammo niitiini hamtuni d'iirsaa inch'eere d'ukuba hama lafa keesati.


AABBO Waaqi waan woini biimani, miisanafi d'und'umale qajeeltu namaani indabsine fed'a.


Nami d'ugaa qajeelani wollaala intolchu, ilmaani isaaleeni takaa tana eeba argatti.


Niiti adaba dansa qabdu argachani guddo jabdu! Isiini faaya ch'uch'uluqa naqatanile ira dansa.


Waan jed'u, nad'eeni hedduti dansaani jira, ammo ch'ufa siti ch'alla.


Huji isi owisifi gumi duraleeti ha isi faarsani.


Afaani isaaleeni quntulao. Wonti isaa ch'ufti woliigalte jaalalaani namaraachitti. Nad'eeni Yerusalemu, bad'aasoni kiyya akana jira.


Ee AABBO Waaqa, atini nama dansaa kara harte daandi worri gula yau qajeelchita.


Jara worraatiifi jara Herode woliini Yesoti ergani waan jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, atini waan Waaqi nama ira fed'u akuma d'uga barsiifta; waan nami jed'ule iyaaltu.


Wonti akanatiifi Herodeni Yohana sodaate, maro aka inni nama d'ugatiifi qulqullo beekhufi, tanaafi nagayaani isa lakise. Inni ato hojja dubbi Yohana d'agayu ch'ufa guddo rifatele sila guddo isa ch'aqasu fed'e.


Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.


Nama tokoti jira ka Yerusalemu tau ka Simeoni jed'ani, inni nama d'ugaati Waaqa sodaate baafama Israeli eegata. Ammalle inni Lubbu Qulqullo qaba.


Nama toko jira ka Yusufu jed'ani. Inni nama dansa, ka d'uga, ka kora worra ke jiru,


Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.


Worri waan jed'e, Kornelio gudda askarti, nama d'uga, ka Waaqa d'ugefatu, ka gochiti Yahudi ch'ufti saadu, afaani malaika qulqullo tokotiini Waaqi gorse, aka inni mana isati si yaame dubbi tante d'agayu.


Namichi toko, ka Anania jed'ani, ka Seera Waaqa guutu, ka Yahudiini Damaski ch'ufti saade,


Tanaafi oboleyaani, jiddu teesani keesa nama torba, ka d'uga, fohad'a, nama Lubbu Qulqullooni guutamefi ka qalbi qabu, duuba nu huji tana iti kennina.


Adaba dansaani deema, aka nama ifsa guyya keesa deemu. farso d'ugitiifi machifi, foko d'abaafi woldidiisafi qot'e lakimna.


Wonti akanatiifi nami waan dansa tolchu jara isa fidu suni insodaatu ammo nama hameenna tolchuuti sodaata. Aka nama nama wo fidu insodaanne tahu feeta? Yoosi waan dansa tolchi, inni si saada.


Nami kara kana gula Kristo hojatu Waaqa gammachiise namale quufsa.


ammo Yahudiini d'ugaa nama garaani isaa d'ugumaani Yahudi tahu, ka garaani isaa qabanqaba qabate, wonti kunini huji Lubbu Waaqati, huji Seera t'aafaniitiniti. Nami akana kunini Waaqa iraa ulfinna argata nama iraa inargatu.


Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.


Nu Waaqa kad'anna, aka isani daba keesa inseenne — aka nu waan dansa hojanne dabsanne agarsiiftuuniti, ammo aka isani waan qajeela tolchitani, ato nu nama ufi jibbaate fakaannele.


Nu guddisani, nu ch'eersani; nu arabsani, nu faarsani. Kiyyibdoole nuuni jed'ani, ammo nu d'uga dubbanna;


Isa woliini oboleesa gumiini ch'ufti saade aka inni Odu Dansa odeesu beetu ergina.


Nu waan qajeela fuula Waaqa dura ch'allaaniti ammo fuula namale durati tolchu feena.


Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa,


Iti deebitani inkiyyibiina duuba! Nami ch'ufti ha oboleesa ufiti d'uga dubbatuuti; wonti akanatiifi nuuni ch'ufti nafa Kristo keesati mita.


Ifsati mid'aani dansoomatiifi ka d'ugatiifi ka qajeelumatiini d'ufa.


Tanaafi kurfo taa, eegad'a: d'uga aka gurda hid'aanati hid'ad'a; dubbi d'ugatiini hameenna qoma teesani iraa d'owad'a,


Waan d'ibi lakisa, d'uga ch'alla gula deema, aka lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu fud'attani iti qubattani.


Dubbi buufata, oboleyaani tiyya, Aabbooni, gammada gudda, isani kenninna. Waan duri jed'e, jechaani na ind'iibdu, ammo guddo wo isanii baati.


Qalbefad'a, worra d'ugefacha inqamne dura adabaani yaa, qoomni argattani ch'ufa imballeesina, woiini tolcha.


Akanaani worri ind'ugefatiini isanii ch'eere foka, duuba akasiini waan feetani nama tokole inkad'attani.


ammalle hayyootafi worra lafa fidu ch'ufa kad'ad'a aka nu jireenna dansa ka nagayaa ke teennu, Waaqa beekhitiifi adaba dansaani.


Nad'eeni worraleeni ha adaba dansa qabaattuuti, isiini nama inhamaatiini; ha qalbi dansaafi d'uga qabaattuuti waan ch'ufa keesati.


ha worra ufi aka dansa qorqorate ijoolle ufi saala foko barsiisu.


Nami tokoleeni maro atini kaimatiifi si intufatiini, ammo akheekha jara d'ugefate tahi, dubbifi adabaafi jaalalafi d'ugefachaafi qulqulloomaani.


ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.


jaarole nad'eeni aka hawaani teeti tolfad'u, kaima nad'eeni aka oboleyaani tanteti tolfad'u, qulqulloomaani.


Ha nama bulche waan dansa jaalatu. Ha ufi qorqorate qajeele, qulqullo tahe, adaba dansaani deemu.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Jaaroleeni, Ufi iwolaaliina, qalbi horad'a, ufi qorqorad'a; d'ugefacha dansaafi jaalalafi obsa horad'a jed'iini.


Atini akheekha huji dansa waan ch'ufa keesati worraa tahi. Barsiisa tante jabeesi, aka dansa barsiisi.


Biyya teenna aka huji dansa tolchani aka waan fed'ani argatani barsiisi, ufuma intataiina jed'iini.


D'ugefacha akana tanaani jaaroleeni duri gurra baafate.


Hojja ch'ufa Waaqa nuu kad'ad'a. Nu imbeenna aka herega dansa qamnu, nu hojja ch'ufa waan dansa tolchu feena.


Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.


Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.


Eegi isani amma d'uga guuttani, suniini ufi qulqulleesitani, ammalle oboleyaani teesani aka dansa jaalattani, garaa keesani ch'ufaani aka dansa woli jaalad'a.


Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.


Waan ch'ufa ira woljaalad'a, wonti akanatiifi jaalalti daba heddu d'ossiti.


Jaalaani tiyya, tatabeeni lameeso ta anini isanii t'aafe tana. Tatabe tana lachu keesati anini ya herega dansa isanii kennu fed'e, waan kana isani qaabsiise.


Ijoolle tiyya! Jaalalti teenna dubbi afaani ch'alla intahiini; ammo jaalala d'uga tahu malte, ta huji dansaani ufi mulliftu


Nami abdi tana Kristo keesa qabu ch'ufti akuma inni qulqullo ufile qulqullaa.


Jaalaani tiyya, nama, Anini Lubbu Waaqa qabu jed'u ch'ufa ind'ugefatiina, ammo gargari hubad'a aka lubbuuni suni gara Waaqati d'ufte. Wonti akanatiifi raagi d'ara hedduuni ya lafa d'ufe.


Amma intala tiyya, insodaatini. Anini waan atini feetu ch'ufa sii tolcha; nami dira kana ch'ufti aka atini niiti dansa, ta adaba qabdu, imbeekha.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan