14 Ammo isani waan dansa tolchitani, ka gaargala kiyya keesati na qarqaartani.
Ammo AABBO Waaqa waan isaani jed'e, Heregi kanke suni dansa,
ammo AABBO Waaqi waan isaani jed'e, Heregi kanke sunini dansa,
Abbaani waan jed'eeni, Aka d'iiraa tolchite, atini aka dansaa daldalte, tanaafi anini waan guddo harka keetiti kenna. Kooti, woliini gammanna.
Worrumati fed'e tolche, ammo sila hiyyeeyi suni qarqaaru malani. Wonti akanatiifi Yahudiini ya eeba lubbu gosa d'ibi kennite, tanaafi gochiti d'ibileeni waan qabduuni Yahudi qarqaaru malte.
Nami dubbi Waaqa barsiisani ha waan dansa qabu ch'ufa nama isa barsiiseeni gahuuti.
Isani hojja ch'ufa qalbi tiyya keesa jirtani! Tanaafi anini hojja ch'ufa waan keesani akasi heregu male. Isaniini ch'ufti ya eeba Waaqi naa kenne tana qoodattani, ana ka amma hid'aansa keesa jiruufi gaafa anini duri diida jirule, aka Odu Dansa suniifi dubbad'e isi jabeesu.
Tatabeeni aka isani waan kana ch'ufa naa kennitani agarsiiftu tana isiini waan guddo! Anini waan fed'u ch'ufa ya argad'e, maro Epafroditoni waan isani ergitani ch'ufa naa d'ufeeniifi. Wonti kunini aka sorio urgooftu ta Waaqaa baasani jirti, ta inni fud'ate gammaduuni.
Waan dansa tolcha jed'iini, Huji dansaani durooma jed'iini, Arja taha, waan qabdani namaa qooda jed'iini.
Maro heddu gumi keesati isani arabsani gaargalchani, maro heddu worra akana tolchanile kalchu feetani.
Isani gaargala worra hid'ani qoodattani, ammalle gaafa miha keesani ch'ufa saamani gammadaani obsitani, maro isani aka waan hagasi ira jira, ta haga jirtu teetu, qabdani beetaniifi.
Waan dansa tolchaafi woli qarqaarsa inded'ina. Sorioni akana tunini Waaqa gammachiifti.
Anini Yohana oboleesa keesani; Yeso keesa nu gaargalafi Finna isatiifi obsa woliini arganna. Waan anini dubbi Waaqatiifi d'uga Yesoni mullise odeeseefi, lafa bisaani marsani, ta Patmo jed'ani, keesa jira.