Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Filipi 3:8 - KITAABA WAAQA

8 Waan kana ch'allaaniti; maro lubbu Aabbo kiyya Yeso Kristo ta waan ch'ufa ira guddotiifi: maro isiitifi anini ya waan ch'ufa lakise. Waan ch'ufa anini aka huura herega aka akasiini Yeso argad'e,

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Filipi 3:8
53 Iomraidhean Croise  

Tanaafi amma anini worra kanke badi itiini d'ufe, ilmaani tante ta d'iira gugurdofi didiqole ch'ufa balleesa. Ammalle worra kanke ch'ufa qabe aka kosi gube balleesa.


goblola isii akuma kosi lafati firfirsani, aka nami tokoleeni beekhe, tunini Yezebeli injenne.


akuma awaara bada. Nami duri isa beekhu, Inni me? jed'e gaafata.


Nami gaafa mid'aani sanyi fach'aase boha deeme, gaafa mid'aani suni murate galfatu gammadeti sirba!


Anini gubbaa si male maani qaba? Anini eegi si qabaad'e lafa ira maani fed'a?


Eegi guddo gaargale inni deebie gammada argate, aka gaargali isaa sunini wo namaa bahu beekha. Hojattuuni tiyya dansaani, ta guddo na gammachiiftu, ch'ubbu nama heddu fud'ata, aninileeni maro isaatiifi worraa araarama.


Anini ilmaani teesani gaargalche ch'uma hori isani sorio naa qaltani fuulati isani riga, duuba fulla kosi iti haraniti isani geesani.


Anini qara yayu kakhad'e, Isani achi teetani jed'e, ammo amma tana Yoshuafi Kelebu male nami lafa suni keesa tau injiru.


Dubbini tuni maafi naa taate, ta haati Aabbo kiyya nati d'uftu?


Ammo, yo anini quba Waaqatiini jinni baase, d'uguma Finni Waaqa ya isaniti d'ufe.


Guyya suni aka anini Abba keesa jiru, ka akuma anini isani keesa jiru ka isanileeni na keesa jirtani beetani.


Ato sila na beetani, Abba kiyyale imbeetani; armaa achi isa beetani ammalle ya isa argitani jed'e.


Waan kana maro naafi Abba imbeenneefi isani tolchani.


Ammalle jireenni hegeri kana: aka atini Waaqa tokocha d'uga si beekhani, Yeso Kristole ka atini ergite beekhani.


Anini dubbi atini naa kennite yayu worraa kenne, worrileeni yayu fud'ate; aka anini gara keti bahe worri ya aka isiini d'uga beekhe, ammalle aka atini na ergite yayu d'ugefate.


Worri waan isiini jed'e, Intala, maafi boota? Isiini waan jetteeni, Aabbo Yeso ya armaa fuud'ani, fulla isa kayanile anini imbeekhu jette.


Tomasoni, Aabbo kiyyafi Waaqa kiyya! jed'eeni.


Ammo anini jireenna kiyya inheregu, waan dansale insehu, aka anini deema tiyya gammadaani hobaase huji tiyya ta Aabbo Yesoni naa kenne, ta Odu Dansa ta eeba Waaqa d'ugeesu guutu.


Waan anini sehu, gaargali nu amma argannu kunini guddinna nu hegeri argannuuni wolti ind'ufu.


lafa gubbatiifi lafti gadileeni — wonti tokoleeni ta jaalala Waaqaatiini gargari nu baaftu injirtu, ta maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi teenna taate.


Wonti akanatiifi anini haga isani woliini jiru aka waan ch'ufa ded'u kutad'e, Yeso Kristo male, keesuma duisa isaa maskali gubbati.


Waan kana inni nu imbaane? Waan kana nuufi t'aafani! Nama qotufi ka muruleeni abdi mid'aani argachaatiini hojachu male.


Wonti worri ind'ugefanneefi waan hamaani lafa tana keesa jiru qalbi worra dukaneeseefi. Inni ifsa worrati ifsu argu worra d'owa, ifsa Odu Dansa ta guddinna Kristo keesa d'ufu, inileeni akuma Waaqa jira.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


Gaafa inni Ilma isaa nati mullise, aka anini gosa d'ibiti Odu Dansa odeesu, anini gara nama tokole gorsa ind'anne,


Duuba nuuni ch'ufti garaa tokooni, d'ugefacha teennafi beekhuma teenna ta Ilma Waaqaatiini wolti d'umna; nama gugurda taane, haga Kristoni gahu geenna.


Maqaani keenna Paulofi Timotheo, hojattu Kristo Yeso. Gara gumi Waaqa ta lafa Filipi keesa jirtu, ta Kristo Yeso d'ugefattu, jaarole gumitiifi jara gumi Waaqa hojatu woliini:


Anini Kristo beekhe jabeenna kaisa isaa ch'alla argachu fed'a; gaargala isaa argad'e duisa isaa keesa aka isaa tahu fed'a,


Anini waan kana qara argad'e injed'u, yokhaani Ya qit'oome injed'u. Ammo guddo barbaada aka argad'u, waan Kristo Yesoni duriyu na barbaade na argateefi.


Ammo waan duri ira jirti heregad'e ch'ufa amma woma keesa na injirtu, maro Kristotiifi.


Hojjaani sorio na baasani ya geete; hojjaani anini jireenna kana keesaa bahu ya geete.


Nuuni ch'ufti Kristoni woli wahela, yo nu d'ugefacha teenna haga muumme jabeesine qabanne.


Tanaafi isani worra d'ugefatu, d'akhaani kunini d'akha jaba; ammo worra ind'ugefanne: D'akhaani ijartuuni tuffate dide yayu d'akha jaba tahe.


Eebafi nagaya guddisa argad'a maro hubacha Waaqaatiifi ta Yeso Aabbo keenna.


Jabeenni isaa jabeenna Waaqaati, ya waan nu argachu male ch'ufa nuu kenne, aka jireenna dansaani teennu, waan nu nama nu yaame guddinnaafi dansooma ufi nu qoode beennuufi.


Waan kana ch'ufa qabaachu maltani; yo waan kana ch'ufa qit'e ufi keesa qabaattani, beekhuma Aabbo Yeso Kristo keesa jabaattani mid'aani baaftani.


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Nu waan argine d'ageenne isanileti himna, aka isanileeni wold'aqisa nu Abbaafi Ilma isaa Yeso Kristo iraa qamnu argattani.


Worri kunini qarale gumi teennaaniti, tanaafi nu biraa yaa; yo sila gumi teenna keesa jiraatani, nu woliini taani. Ammo wonti worri nu biraa yaeefi aka tokoleeni gumi teenna intahiini agarsiifti.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan