Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Filipi 3:10 - KITAABA WAAQA

10 Anini Kristo beekhe jabeenna kaisa isaa ch'alla argachu fed'a; gaargala isaa argad'e duisa isaa keesa aka isaa tahu fed'a,

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Filipi 3:10
34 Iomraidhean Croise  

AABBO Waaqi waan jed'u, Qarooni qarooma ufitini kooru himmalle, jabaaleeni jabeenna ufitini kooru himmalle, dureesileeni durooma ufitini kooru himmalle.


Inni waan jed'eeni, D'uguma mudunu tiyya keesaa d'uddani, ammo anini jabeenna nama harka kiyya mirgafi bitaachaani tau fohad'u inqabu. Fullaani tunini tama worra Aabbooni kurfeeseefi.


Nami tokoleeni nara imfud'atu, ammo ani ufumaani baasa. Anini jabeenna baasuuni qaba, ammalle ka deebie fud'ad'uuni qaba. D'aamsa kana anini gara Abba kiyyati argad'e jed'e.


Ammalle jireenni hegeri kana: aka atini Waaqa tokocha d'uga si beekhani, Yeso Kristole ka atini ergite beekhani.


Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna.


Worra duri Waaqi fohate inni ya olkaye aka ilma isaa fakaatu aka oboleyaani hedduu ilmi angafa tahu.


Akuma t'aafiini jettu, Maro kanketiifi lubbuuni guyya ch'ufa nu bira ejiti, aka hooliye qalmaa geesani nu tolchani.


Inni gaargala duisa kana keesaa nu baase, hegerile nu baasa; nuleeni abdi teenna isa ira keyanne aka inni ammalle nu baasu,


Akuma nu gaargala Kristo gudda qoodannu, akasuma maro Kristotiifi qarqaarsa isaa guddale qoodanna.


Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.


nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.


Armaa achi, nami tokoleeni na ingaargalchiini; wonti akanatiifi gadaanisi nafa kiyya aka anini tisse Yeso agarsiisa.


Duuba nuuni ch'ufti garaa tokooni, d'ugefacha teennafi beekhuma teenna ta Ilma Waaqaatiini wolti d'umna; nama gugurda taane, haga Kristoni gahu geenna.


Waan kana ch'allaaniti; maro lubbu Aabbo kiyya Yeso Kristo ta waan ch'ufa ira guddotiifi: maro isiitifi anini ya waan ch'ufa lakise. Waan ch'ufa anini aka huura herega aka akasiini Yeso argad'e,


Anini amma waan maro teesanii gaargaleefi gammada. Wonti akanatiifi, maro gaargala nafa kiyyatiifi, anini gaargala Kristoni maro nafa isaatiifi gaargale ka hafe hobaasa. Nafi isaa gumi isaati.


Duri isani maro daba keesanitiifi, ammalle waan gosa d'ibi ta Seera qabanqaba jala injirre taataniifi dootani. Ammo amma Waaqi ya kristo woliini isani ijeese! Waaqi ya daba keenna ch'ufa nu araarame.


Kristo woliini ya duisa keesaa isani kaasani. Tanaafi waan gubba jira barbaada, fulla Kristoni barch'uma ufi gubba tau, harka Waaqa ka mirga.


Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,


Anini guddo qajeeltu seha, yo anini qalbi teesani tuqe qaabsiise, haga anini jiru.


Aka Waaqa beennu yo seera isaa guunne beenna.


Ammo nami dubbi isaa guutu ch'ufti ya akuma d'uga qit'eese Waaqa jaalate. Maro waan kanatifi nu imbeenna aka nu Waaqa keesa jirru:


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan