Nami tokoleeni nara imfud'atu, ammo ani ufumaani baasa. Anini jabeenna baasuuni qaba, ammalle ka deebie fud'ad'uuni qaba. D'aamsa kana anini gara Abba kiyyati argad'e jed'e.
Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.
Duri isani maro daba keesanitiifi, ammalle waan gosa d'ibi ta Seera qabanqaba jala injirre taataniifi dootani. Ammo amma Waaqi ya kristo woliini isani ijeese! Waaqi ya daba keenna ch'ufa nu araarame.