15 aka ijoolle Waaqa dadansa, ta wollaalafi ch'ubbu inqamne, ammo ta d'aloota hamafi ka daba keesa teteetu. Aka urjiini gubba ifsitu jiddu worrati ifsa,
Jennaani jari hayyu jala hojatu kaani ch'ufti, huji Danieli keesa wollaala sila isaani himatani barbaade, ammo d'abe, wonti akanatiifi Danielini nama d'uga, ka d'ugeefatani ka wollaala womatu inqamne.
Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male;
Yesoni duuba Qaallu Gudda, ka fed'i teenna ch'ufa nuu guutu! Inni qulqullo, wollaalafi daba tokole inqabu; isa ya worra ch'ubbutiini gargari basaani, gubbati olgeesani.
Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.