Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Filipi 2:11 - KITAABA WAAQA

11 nami ch'ufti diideese, Yeso Kristoni Aabbo jed'u, aka maqa Waaqa Abba guddisani.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Filipi 2:11
30 Iomraidhean Croise  

AABBO Waaqi waan hayyicha abba kiyyatiini jed'e, Kooti arma moga tiyya ta mirga tahi, haga anini nyaapa kanke miila kanke jalati deebisuti.


Tanaafi anini gosa ch'ufa keesati si faarse, maqa kanke guddisa.


Gaafa inni hayyu tahu, worri Yuda soda nyaapa jalaa bahe, worri Israelileeni nagayaani taa. Maqaani isaani yaamani AABBO Waaqi d'uga keenna.


Nama nama durati na d'ugeesu ch'ufa anileeni Abba gubba durati d'ugeesa.


Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.


Taatule nami gugurdaani hedduuni Yeso d'ugefate; ammo maro Farisayo sodaataniifi inhimanne aka mana Waaqa iti kad'atani seenu worra ind'owarre.


Isani Motichafi Aabbo naani jettani, aka dansa jettanile, anini akasuma.


Yo anini Motichafi Aabbo keesani tahe miila keesani d'iqe, isanileeni miila woli d'iqu maltani.


Waan isani maqa kiyyaani kad'atani ch'ufa ani intolcha, aka guddinni Abbaa Ilma keesaa mullatu.


Yesoni waan jed'eeni, Yo nami na jaalate dubbi tiyya guuta, Abbaani kiyyaleeni isa jaalata, ammalle nu isati d'umne fulla isaa teenna.


Yesoni dubbi tana jennaani gubba olmillate waan jed'e, Aabbo, hojjaani ya geete. Ilma kanke guddisi, aka Ilmi si guddisu.


Tomasoni, Aabbo kiyyafi Waaqa kiyya! jed'eeni.


aka nami ch'ufti Ilma guddisu akuma Abba guddisani. Nami Ilma inguddimne Abba isa erge eesaa fuud'e guddisa?


Wonti abbaafi haati isaa waan kana jetteefi Yahudi sodaate; wonti akanatiifi Yahudiini yayu wolmariatte aka nama Yeso jed'u ch'ufa Mana Waaqa keesa gussani.


Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.


Nami Israeli ch'ufti ha hubatuuti, aka Waaqi Yeso kana ka isani mukhati fanniftani Aabboofi Kristo tolche!


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Aabbooni waan jed'u, Waaqi anuma, namale ka d'ibiini injiru, ammalle nami ch'ufti na durati jilbifate aka anini Waaqa hima.


Wonti akanatiifi Kristoni aka nama jiruufi ka duele abba tahuufi due kae.


ammalle aka gochiti d'ibiini dandeete, maro naasu isaatiifi, isa faarsitu. Akuma t'aafiini jettu, Tanaafi anini maro teesaniifi gosa d'ibi keesa galata sii deebisa, anini faaru maqa kanketi d'ahad'a.


Hubachu maltani aka nami Lubbuuni Waaqaa deemtuni tokoleeni dandae Yeso inabaare, ammalle nami tokoleeni dandae Yesoni Aabbo injed'u, yo Lubbuuni Qulqullooni isaani deemtu male.


Adamu qara biyye lafatiini uumani: Adamuni lameeso gubbaa d'ufe.


nu Waaqa toko ch'alla beena; inni Abba, ka waan ch'ufa uume, nu isaafi jiraanna; ammalle Aabbo toko ch'allati jira, Yeso Kristo, ka wonti ch'ufti isaani uumamte, nuleeni isaani jirru.


Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.


Nami, Yesoni Ilma Waaqa jed'u ch'ufa Waaqi isa keesa taa, innileeni Waaqa keesa taa.


Kara kanaani Lubbu Waaqa beetani: Lubbuuni Yeso Kristoni nama tahe jettu ch'ufti gara Waaqati d'ufte.


Nami nama sobu hedduuni ka Yeso Kristoni fakaata nama intaane jed'u, ya lafa d'ufe nami akana kunini nama soba, inni nyaapa Kristoti.


Nama dabsatu woya akana adi uyisaniifi ammalle maqa isaa kitaaba jireenna keesaa imballeesu. Aabboofi malaika isaa durati aka worri nama kiyya diideese hima.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan