28 Nyaapa keesani insodaatiina; hojja ch'ufa jannooma, wonti kunini aka isani worra dabsatani agarsiifti Waaqati dabsacha isanii kenna!
Anini baafama kanke eegachuu jira, ee AABBO Waaqa.
Galata deebisitiini sorio nani guddisani; aninileeni nama naa saalfatu ch'ufa imbaasa.
AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.
AABBO Waaqi waan jed'u, Nami isani jabeesu anuma isani maanifi nama sodaattani, ka inni buuyo ira ingoomne?
Isani worri d'uga beekhu ka seera kiyyaa qalbi keesaa qabu, na ch'aqasa. Hojja nami arabse isani miid'e insodaatina,
Nama nafa ijeese ammo lubbu woma tolchu indandeenne insodaatiina; ammo nama nafafi lubbu ibida keesa buusu dandau sodaad'a.
Yesoni nama harki kokotae kaaniini waan jed'e, Kooti, arma eji.
Nami ch'ufti baafama Waaqaa ila ufitiini arga.
Inni gaafa d'ufu, aka dabi jiruufi aka d'ugaani jirtuufi aka Waaqi wollaala namaati muru nama garsiise hubachiisa.
Tanaafi isani beekad'a, baafami Waaqa gara gosa d'ibi layu d'ufe, ammalle worri inch'aqasa! [
Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna.
Isaniyu imbeetani, aka Filipi keesati nu d'aanani nu arabsani, ato fulla teesani Thesalonike ind'ufiini. Ammo Waaqi keenna jabeenna nuu kenne, aka Odu Dansa ta gara isaati d'ufte isaniti hasau insodaanne, ato nami hedduuni didele.
Tanaafi garaa jabaanne, Aabbooni qarqaarsa kiyya, anini woma insodaad'u! Nami maani na tolchu dandaa? jenna.
Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.