17 Nami gari garaa dansaani waan Kristo inodeesu, ammo garaa d'iibitiini odeesa, waan haga anini hid'aansa keesa jiru na gargalchani sehaniifi.
Tanaafi garaa kutad'a, aka durati waan deebiftani ind'ind'insine;
D'iiro, oboleyaani, abbooti, anini amma isani durati ufii dubbachu fed'a na ch'aqasa!
Agripani waan Pauloni jed'e, Atini ufii dubbad'u. Pauloni harka dirirfate ufii dubbate waan jed'e:
Ato inni dubbatu, Festoni qonqo olfud'ate waan jed'eeni, Paulo, atini ya maraate; waan atini guddo wo baratteefi qalbiini tante ya hamaatte.
Nami gari ufo, waan qajeela dideti waan hamtu gula yaa: worra akana kana Waaqi dalansu iti baafata.
Ammo yo akasile taate, wonti sunini woma keesa injirtu, anini guddo gammada, yo kara ch'ufaanu waan Kristo hasaani, kara qajeelafi hamaleeni. Anini ammalle ingammada.
Isani hojja ch'ufa qalbi tiyya keesa jirtani! Tanaafi anini hojja ch'ufa waan keesani akasi heregu male. Isaniini ch'ufti ya eeba Waaqi naa kenne tana qoodattani, ana ka amma hid'aansa keesa jiruufi gaafa anini duri diida jirule, aka Odu Dansa suniifi dubbad'e isi jabeesu.
Waan tokole ufi jaalalafi yokhaani ufi guddisitiini intolchiina, ammo woldurati ufi diqeesa, waan nama d'ibi ira jirtani ufi insehiina.
Maro waan kanatifi aka anini ergattufi, barsiiftu gosa d'ibi tahu na ergani, aka d'aamsa d'ugefachaatifi ka d'ugaa odeesu. Anini kiyyibuuti injiru d'uga dubbachuu jira!
Waan anini Odu Dansa hasaeefi gaargala, ammalle aka nama wo yake na hid'ani. Ammo dubbini Waaqa hid'aansa keesa injirtu;
Gaafa anini guyya qara ufi dubbad'e, nami tokoleeni na inqarqaare; nami ch'ufti na biraa yae. Waaqi waan suni worrati inheregiini!