15 Nami gari d'uguma qot'eefi woldidafi waan Kristo odeesa, ammo ka gari garaa dansaani odeesa.
Waan ch'ufa aka nami worra argu tolchani. Qud'aami worri addafi harkati hid'atu waan gugurda, handaari woya worraleeni waan d'ed'eera.
Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.
Ammo jari gari ka Kiprofi Kirene, Antiokia d'umnaani gosa d'ibileti hasaani.
Guyya ch'ufa Mana Waaqatiifi mana biyya keesaleti Odu Dansa ta Yeso Kristo odeesani nama barsiisani.
Jennaani Filiponi fulluma t'aafi suni iti keyate waan Yeso isati hasae.
Jennaani Filiponi gara dira Samaria d'aqe waan Kristo worrati hasae.
Hojuma suni inni maneeni Waaqa iti kad'atani seene waan Yeso odeese, Yesoni Ilma Waaqa jed'e.
Nami gari ufo, waan qajeela dideti waan hamtu gula yaa: worra akana kana Waaqi dalansu iti baafata.
Ammo nu waan Kristo maskali gubbaa odeesina, odu Yahudi gufachiiftu, ta gochiti d'ibiini daalluma seetu;
Yo anini waan qabu ch'ufa biyyaa kenne, Nafa kiyyale guba jed'e, ammo jaalala inqamne woma naa imbaatu.
Wonti akanatiifi Yeso Kristoni Ilmi Waaqa ka anaafi Silafi Timotheoni isaniti odeesine, ka Eetiifi Hiyyo jed'uuniti. Inni Eeti Waaqaati;
Worri sunini ergattu d'ugatiiniti, worri ergattu d'ara, ta waan huji ufi d'ara dubbate ergattu Kristo ta d'uga ufi fakeesitu.
Anini insodaad'a aka yo ani achiini bahe isani aka anini fed'u injirtani, anileeni hegeri aka isani feetani injiru. Hegeri anini woldidiisafi qotefi dalansufi ufi jaalachafi arabaafi woli hamachafi ufi g guddisiitifi hameenna arga.
Nu waan keenna odeesuti injirru: ammo aka Yeso Kristoni Aabbo, ammalle aka nu maro teesaniifi tissele isaa taane odeesina.
ammo jari gari oboleyaani ufi tolche, qabanqaba qabuufi fed'e worri suni aka jajuusa gumi teenna seene, aka balchooma nu Kristo Yeso keesa qamnu argani, Tisse nu tolchu fed'ani.
Waan tokole ufi jaalalafi yokhaani ufi guddisitiini intolchiina, ammo woldurati ufi diqeesa, waan nama d'ibi ira jirtani ufi insehiina.
Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.