7 Jaalalti tante, oboleesa kiyya, ya gammadafi jabeenna gudda naa kennite! Wonti akanatiifi atini ya nama Waaqa ch'ufa gammachiifte.
ammalle garaa na jabeesani, akuma isanile garaa jabeesani. Nama akana kana ch'ufa ulfeesu malani.
Maro waan kanatifi nu garaa jabaanne. Nu garaa ch'alla injabaanne; ammo gammada Tito arginaani guddo ufile gammanne; isani ch'ufti Tito qarqaartani gammachiiftani.
Anini guddo waan keesani beekha, maro teesaniifi ufi koorsa! Gaargala keenna ch'ufa keesati anini garaa illaafu ammo gammadaani qilit'ama.
Wonti akanatiifi nu Waaqafi Abba keenna durati qaabanna, aka isani d'ugefacha teesani hujiini hojattani, aka jaalalti teesani huji guddo isani tolchisiifte, ammalle aka abdiini teesani Aabbo Yeso Kristo keesa jabdu.
Ammalle maro waan kanatifi nu hojja ch'ufa galata Waaqa deebimna. Gaafa nu dubbi Waaqa isanii d'umneeni, isani aka dubbini suni ta namatiini, ammo d'uguma dubbi Waaqaa ch'aqaftani d'ugefattani. Waaqi jiddu isani worra d'ugefate hojachu jira.
Taatule abdi teennaafi gammada keennafi wonti nu fuula Aabbo Yeso durati, yo inni deebiu, ufi guddimnuufi isanumaaniti?
Ammatana maro teesaniifi galata Waaqa deebisu indandeenna. Nu galata Waaqaa deebimna waan isanii jenne gammada arganeefi.
Waaqi worra Onesiforoti nahiinna, waan inni maro heddu garaa na jabeeseefi. Inni waan anini hid'aansa keesa jiruufi na injibine,
Tanaafi, oboleesa kiyya, waan kana na tolchi, maro Aabbootiifi; garaa kiyya gammachiisi, aka oboleesa Kristo keesa.
Anini aka ijoolleeni tante ta gari d'uga keesa teetu arginaani guddo gammade, akuma Abbaani nuti hime.