6 Wonti anini hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'u, aka wold'aqisi keenna, d'ugefacha teenna keesa, hubacha eeba ta Kristo keesa jirtu, ta hagasira guddo nuu kennu.
Namichi kunki shantama iti kennani kaani d'aqe daldaleeni, kunki shantama d'ibi argate.
Akasuma ifsaani keesani ha nama durati ifsu, aka hujiini teesani dansaani mullatte Abba keesani ka gubba jiru guddisani.
Herega isaa ka d'ossa mullisaniti, inni gadi jed'e Waaqa kad'ate waan jed'u, Waaqi d'uguma arma isani woliini jira.
Balbalti huji jabduuni hojad'u ya armati naa banamte, ato nami naani morku hedduuni jiraatele.
Dubbi buufata, oboleyaani tiyya hojja ch'ufa dansumafi qajeelumumafi d'ugaafi balchumafi qulqulloomafi waan dansa mirgiti ta faarsu malani herega.
Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.
hareesa fud'attaniifi. Finni hareesi kunini waan Waaqi, aka isa uume fakeenna ufi gula haraa tolchu aka akasiini ufi isani beesisu.
Biyya teenna aka huji dansa tolchani aka waan fed'ani argatani barsiisi, ufuma intataiina jed'iini.
Waaqi ka d'ugaati. Inni huji isani maro isa jaalattaniifi tolchitani inded'u, hojja isani gumi Waaqa duri qarqaartani arrale qarqaartani.
Oboleyaani tiyya, Maani namaa baati, yo nami, Anini d'ugefacha qaba jed'e, ammo hujiini isaa ingarsiimne? D'ugefachaani suni ch'allaani isa imbaafti?
D'ugefachaani akasi, yo isiini koba jiraate, ka hujiini dansaani bira injirre, la doote.
Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.
Akasuma isani nad'eeni, d'iirsole teesani ch'eera, aka yo d'iirsoleeni gari dubbi Waaqa ind'ugefannele, adabi keesani Waaqati worra deebisu. Duuba ato isani nami tokoleeni woma injed'iini,
Qalbi teesani qulqullefad'a, aka yo isani arabsani nami maro isani adaba dansaani Kristo gula yaataniifi hameenna isaniti dubbatu ch'eeru.
Waan kana ch'ufa qabaachu maltani; yo waan kana ch'ufa qit'e ufi keesa qabaattani, beekhuma Aabbo Yeso Kristo keesa jabaattani mid'aani baaftani.