4 Hojja anini Waaqa kad'ad'u ch'ufa, oboleesa Filemoni, anini maqa kanke d'ae galata Waaqa deebisa.
Qaraa fit'e anini Waaqa kiyya Yeso Kristo keesa galata deebisa, maro isani ch'ufatiifi, waan lafti ch'ufti d'ugefacha teesani d'ageeteefi.
maro teesaniifi Waaqaa galata deebisu illakimne. Anini hojja ch'ufa kad'acha tiyya keesati isani qaabad'a,
Anini hojja isani qaabad'u ch'ufa Waaqa kiyya galata deebisa;
Nu hojja ch'ufa Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna, hojja nu isanii kad'annu ch'ufa.
Nu hojja ch'ufa maro teesaniifi Waaqaa galata deebimne kad'acha teenna keesa maqa keesani d'oomna.
Nu hojja ch'ufa maro teesaniifi Waaqa galata deebisu malle, oboleyaani. Nu akasi tolchu malle, maro d'ugefachaani teesani guddo daramte, ammalle jaalalti isani woljaalattani guddatteefi.
Anini Waaqa ka qalbi dansaani, akuma ababooti teenna tolchite hojad'uufi, galata deebisa. Anini galata isaa deebisa hojja halkani guyya kad'acha tiyya keesati si qaabad'u.
Anini jaalala atini gumi Waaqa ch'ufa jaalatufi d'ugefacha atini Aabbo Yeso d'ugefattu ya d'agaye.